1Waggaa kudha lammaffaatti, ji'a kudha lammaffaatti, ji'icha keessaa guyyaa duraatti dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
2?Yaa mucaa namaa! Fara'oon mootii biyya Gibxiif boo'i!
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17Waggaa kudha lammaffaatti, ji'icha sana keessaas guyyaa kudha shanaffaatti dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
18?Yaa mucaa namaa! Namoota Gibxiif boo'i! Isaanii fi intaloota saba warra ulfina-qabeeyyii sanaa iddoo lafa jalaatti gara warra boolla keessa buufamaniitti ergi*!
19Isaaniinis, ?Isin warra kaan caalaa jaalatamoo dhaa ree? Gad bu'aa warra dhagna hin qabatin gidduu ciisaa? jedhi*!
20Isaan warra billaadhaan dhuman gidduutti in kufu; isheen billaadhaaf taateetti, isheen namoota ishee hundumaa wajjin achitti in harkifamti;
21yommus loltoonni jajjaboonni, warri iddoo lafa jalaa jiran, waa'ee isheetii fi waa'ee warra garee ishee turanii, ?Isaan asitti gad bu'anii, warra dhagna hin qabatin, warra billaadhaan dhumanii wajjin as in taa'u? in jedhu.
22?Asoris loltuu ishee hundumaa wajjin achi jirti; awwaalli namoota ishee warra billaadhaan dhumanii isheetti naanna'ee jira;
23awwaalli isaanii boolla gad fagoo keessa jira, loltoonni ishees naannoo awwaala isheetii ciisu; warri biyya warra jiraataatti nama naasisan hundinuu billaadhaan rukutamanii in dhuman*.
24?Elaam achi jirti, namoonni ishee hundinuus naannoo awwaala ishee jiru; hundumti isaanii billaadhaan rukutamanii dhuman; warri biyya warra jiraataatti nama naasisaa turan hundinuu utuu dhagna hin qabatin gara iddoo lafa jalaa dhaqan; warra boolla keessa buufamanii wajjinis yeelloo isaanii in baatu*;
25warra ajjeefaman gidduu siree isheedhaaf dhaaban; namoonni ishee hundinuu naannoo awwaala ishee jiru; hundumti isaanii warra dhagna hin qabatin, warra billaadhaan dhuman turan; sababii biyya warra jiraataatti nama naasisaa turaniif warra boolla keessa buufamanii wajjin yeelloo isaanii in baatu; warra ajjeefaman gidduus in ciisu.
26?Meshekii fi Tubaal achi jiru, namoonni isaanii hundinuus naannoo awwaala isaanii jiru; hundumti isaanii warra dhagna hin qabatin, warra biyya warra jiraataatti nama naasisan waan turaniif, billaadhaan in dhuman*.
27Nama naasisuun loltoota sanaa biyya warra jiraataa waan jiruuf, warra utuu dhagna hin qabatin dhuman, warra mi'a waraanaa isaanii wajjin gara iddoo lafa jalaatti gad buufaman, warra billaa isaanii boraafatanii ciisan, warra yakki isaanii lafee isaanii irra kaa'amee wajjin achi hin ciisanii ree?
28Atis yaa mootii Gibxii, caccabdee, warra dhagna hin qabatin, warra billaadhaan dhuman gidduu in ciifta.
29?Edoom, mootonni ishee, gurguddoonni ishees hundinuu, achi jiru; utuma warra aangoo qabu ta'anii jiranii iyyuu, warra billaadhaan dhuman gidduu, warra dhagna hin qabatin, warra boolla keessa buufamanii wajjinis in ciisu*.
30?Gurguddoonni biyya gara bitaa hundinuu, warri Sidoon hundinuus achi jiru; isaan warra ajjeefamanii wajjin yeelloodhaan gad in buufaman; humni isaanii kan nama naasisu ta'ee utuma jiruu iyyuu, warra dhumanii fi warra yeelloo isaanii baatanii wajjin utuu dhagna hin qabatin boolla keessa in buufaman*.
31Mootiin Gibxii fi loltuun isaa achitti isaan in argu; mootiin Gibxii waa'ee namoota isaa warra billaadhaan dhuman hundumaa sanaaf jajjabina in argata? jedhe; Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.
32?Ani biyya warra jiraataatti akka inni nama naasisu yoon godhe illee, mootiin Gibxii fi namoonni isaa hundinuu warra billaadhaan dhumanii wajjin warra dhagna hin qabatin gidduu in ciisu? jedha Waaqayyo gooftaan.