Macaafa Hisqi'el Raajichaa 37:1-28 GAZB1997 - Bible AI

1Harki Waaqayyoo ana irra ture, innis hafuura Waaqayyootiin na fuudhee dachaa lafeen keessa guute tokko keessa na dhaabe*.

2Kunoo, dachicha keessa lafee baay'ee danuutu ture, isaanis baay'ee goganii turan; inni isaan gidduu asii fi achi na adeemsisee,

3?Yaa mucaa namaa! Lafeen kun jireenya qabaachuu in danda'aa ree?? naan jedhe; ani immoo, ?Yaa Waaqayyo gooftaa kana si duwwaatu beeka? nan jedhe.

4Ammas, ?Lafee kanatti raajii dubbadhuu, ?Yaa lafee gogaa nana dubbii Waaqayyoo dhaga'i!? jedhi? naan jedhe.

5Waaqayyo gooftaan, ?Lafee kanaan, ?Kunoo, ani hafuura sittan galcha atis in jiraatta;

6ani ribuu si keessa nan kaa'a, foon sittan godha, gogaa sittan uffisa, hafuuras si keessa nan kaa'a, atis in jiraatta; yommus ani Waaqayyo akkan ta'e ati in beekta? jedhi!? jedhe.[174]

7Ani akkuma inni na abboome raajii nan dubbadhe; utuma ani raajii dubbachaa jiruu sagaleen in dhaga'ame. Kunoo, wanti tokko in sossokokse, lafeen sunis walitti hiiqee, lafeen lafee ofii isaatiitti in dhi'aate;

8yommuu ani isaan ilaale, kunoo, ribuun isaan keessa kaa'amee, foon isaanitti godhamee, gogaanis isaanitti uffifameera; garuu hafuurri isaan keessa hin turre;

9ammas anatti dubbatee, ?Yaa mucaa namaa! Hafuuratti raajii dubbadhu! Waaqayyo gooftaan, ?Yaa hafuuraa, golee arfanuu keessaa kottuu akka jiraataniif warra dhuman kanatti qilleensa'i!? jedha? jedhi*!

10Anis akkuma inni na abboome raajii nan dubbadhe; hafuurris isaanitti in gale, isaanis jiraatoo ta'anii miilla isaaniitiin in dhaabatan; isaan macca baay'ee guddaa turan*.[175]

11Ergasiis anatti dubbatee, ?Yaa mucaa namaa! Lafeen kun guutummaa mana Israa'el. Kunoo, isaan, ?Lafeen keenya gogeera, abdiin keenya citeera, nuyis raawwannee badneerra? in jedhu*;

12kanaaf ati isaanitti raajii dubbadhu, Waaqayyo gooftaan, ?Yaa saba koo! Kunoo, ani awwaala keessan nan bana, isa keessaas isin nan baasa; biyya Israa'elittis deebisee isin nan galcha*;

13Isin yaa saba koo! Ani awwaala keessan banee isa keessaa yommuun isin baasu, ani Waaqayyo akkan ta'e isin in beektu;

14ani hafuura koo isin keessa nan kaa'a, isinis in jiraattu; biyya keessanittis isin nan galcha? yommus ani Waaqayyo kana akkan dubbadhe, akkan godhes isin in beektu? jedhe; kana Waaqayyotu dubbate.[176]

15Ammas dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,

16?Yaa mucaa namaa! Ulee tokko fuudhii isa irratti ?Yihudaadhaa fi ijoollee Israa'el warra isaa wajjin walii galan? jedhii caafi! Ammas ulee biraa tokko fuudhii ?Ulee Efreem isa kan Yoseefii fi kan ijoollee Israa'el warra isaa wajjin walii galan hundumaa? jedhii caafi*!

17Ulee kanas walitti qabsiisii harka kee keessatti tokko akka ta'an godhi!

18Namoonni biyya keetii, ?Kun maal jechuu kee akka ta'e nutti hin himtuu ree?? yommuu siin jedhan,

19ati immoo isaaniin, ?Waaqayyo gooftaan, kunoo, ani ulee Yoseef isa harka Efreem keessa jiru, kan gosa Israa'el warra isaa wajjin walii galan sanaas nan fudhadha, ulee Yihudaa wajjinis walitti nan qabsiisa; isaanis harka koo keessatti tokko akka ta'anitti, ulee tokkos isaan nan godha? jedha, in jetta.

20Ulee isa irratti caafte, isa harka kee keessa jiru sana isaan dura qabi!

21Isaaniin, ?Waaqayyo gooftaan, kunoo, ani ijoollee Israa'el iddoo isaan dhaqanii, saba warra kaan keessaa fuudhee, iddoo hundumaatii walitti isaan nan qaba, biyya isaaniittis isaan nan galcha*;

22biyyicha keessatti tulloota Israa'el irratti saba tokko isaan nan godha; mootiin tokkos hunduma isaanii irratti in mo'a; isaan deebi'anii saba lama ta'anii gargar hin hiraman, deebi'aniis gargar hiramanii mootummoota lama hin ta'an*;

23isaan si'achi waaqayyolii tolfamoo isaaniitiin, wanta ciiggaasisaadhaan yakka isaaniitiinis of hin xureessan; ani cubbuu isa isaan ana dhiisanii booddeetti deebi'uudhaan hojjetan hundumaattii isaan nan fayyisa, isaan nan qulleessas; isaan saba koo in ta'u, ani immoo Waaqayyo isaanii nan ta'aaf*.[177]

24? ?Garbichi koo Daawit isaan irratti mootii in ta'a; hundumti isaaniis tiksee tokko in qabaatu; isaan wanta qajeelaa ta'e isa ani kenneef duukaa in bu'u; seerrata koos eeggatanii jiruu irra in oolchu*;

25isaan biyya isa ani garbicha koo Yaaqoobiif kenne isa abboonni keessan keessa jiraachaa turan keessa in jiraatu; isaan ijoolleen isaanii, ijoolleen ijoollee isaaniis bara baraan achi keessa in jiraatu, garbichi koo Daawit bara baraan angafa isaaniif in ta'a*.

26Ani kakuu nagaa isaaniif nan gala, innis kakuu bara baraa isaaniif in ta'a; ani isaan nan dhaaba nan baay'isas, iddoo qulqullaa'aa isa kan kootiis bara baraan isaan gidduu nan dhaaba*;

27godoon koos isaan bira in ta'a, ani Waaqayyo isaanii nan ta'aaf, isaanis saba koo in ta'u*;

28iddoon qulqullaa'aan inni kan kootii bara baraan Israa'el gidduu yommuu jiraatu, sabni warri kaan ani Waaqayyo Israa'elin akkan qulqulleessu in beeku? jedhe? jedhi*![178]

ter>