1Waaqayyo gooftaan, ?Karri oobdii isa gara keessaa inni gara ba'a-biiftuutti gara galu, guyyoota hojii ja'anuu cufamee haa taa'u! Gaafa Sanbataa fi guyyaa baatiin baatutti garuu haa banamu!
2Guddaan biyyaa yeroo alaa dhufu karaa gardaafoo karra sanaa ol haa galu, michichila karra sanaa bukkees haa dhaabatu! Luboonni qalma isaa isa gubamuu fi, qalma isaa isa araaraa haa dhi'eessan! Inni immoo buusaa karra sanaa irratti haa sagadu! Kana booddee inni gad haa ba'u, karri sun garuu hamma galgalaatti hin cufamin*!
3Guyyaa Sanbataa fi gaafa baatiin baatu sabni biyya sanaa balbala karra kanaatti Waaqayyo duratti haa sagadan!
4Qalmi gubamu inni guddaan biyyaa gaafa Sanbataa Waaqayyoof dhi'eessu, xobbaallaa mudaa hin qabne ja'aa fi korbeessa hoolaa mudaa hin qabne tokkoo dha*.
5Kennaan midhaanii inni korbeessichaa wajjin dhi'aatu daakuu eefaa tokko haa ta'u! Kennaan midhaanii inni xobbaallaa wajjinii garuu hamma inni kennuu danda'u haa ta'u! Eefaa tokko tokkoo wajjin immoo dhadhaan ejersaa hiin tokko haa dhi'aatu*!
6Gaafa baatiin baatu immoo, inni sa'a keessaa tuntunoo mudaa hin qabne tokko, xobbaallaa ja'aa fi korbeessa hoolaa tokko haa dhi'eessu! Isaan kunis mudaa kan hin qabne haa ta'an!
7Kennaa midhaaniif immoo tuntunoo tokkoo wajjin daakuu eefaa tokko, korbeessa hoolaa sanaa wajjinis eefaa tokko, xobbaallota sanaa wajjin immoo hamma harki isaa hiixachuu danda'u, daakuu eefaa tokko tokkoofis dhadhaa ejersaa hiin tokko tokko haa qopheessu*!
8Guddaan biyyaa sun yeroo ol lixu, karaa gardaafoo karra sanaa ol haa galu, karruma sanas gad haa ba'u!
9?Sabni biyya sanaa guyyoota ayyaanaa warra beekamanitti fuula Waaqayyoo dura yommuu dhufan, namni sagaduudhaaf karaa karra isa gara bitaa ol lixu, karaa karra isa gara mirgaa haa ba'u! Namni karaa karra isa gara mirgaa ol lixu immoo karaa karra isa gara bitaa haa ba'u! Namni addumaan gara karra isa fuullee isaa jiruutti adeemee gad haa ba'u malee, eenyu illee karaa karra isa ittiin ol lixee hin deebi'in*!
10Yeroo isaan ol lixan, guddaan biyyaas isaanii wajjin ol haa lixu! Yeroo isaan gad ba'an immoo gad haa ba'u!
11?Yeroo cidhaa fi guyyoota ayyaana beekamaniitti kennaan midhaanii inni tuntunoo tokkoo wajjin dhi'aatu daakuu eefaa tokko, inni korbeessa hoolaa wajjiniis eefaa tokko haa ta'u! Xobbaallotaa wajjin garuu hamma inni kennuu danda'u, daakuu eefaa tokkoo wajjin immoo dhadhaan ejersaa hiin tokko haa dhi'aatu!
12Yeroo guddaan biyyaa sun aarsaa jaalala isaatiin dhi'eessu qopheessee qalma gubamu yookiis qalma araaraa Waaqayyoof dhi'eessuudhaaf dhufutti, namni tokko karra isa gara ba'a-biiftuutti gara galu sana haa banuuf! Inni akkuma guyyaa Sanbataatti qalma gubamuu fi qalma araaraa sana haa dhi'eessu! Kana booddees gad haa ba'u, erga inni ba'ee immoo karri sun haa cufamu!
13?Ati guyyuma guyyaatti qalma ana Waaqayyoof gubamuuf ilmoo hoolaa korbeessa waggaa tokkoo kan mudaa hin qabne tokko tokko qopheessi! Isas ganama ganama in qopheessita.
14Isaa wajjinis kennaa midhaanii ganama ganamaatiif daakuu harka ja'affaa eefaa tokko, dhadhaa ejersaa harka sadaffaa hiin tokko, isa ittiin daakuu ba'eessa sana waliin makanii wajjin ana Waaqayyoof kennaa midhaanii gootee in qopheessita! Seerranni kennaa midhaanii kun yeroo hundumaaf kan ta'uu dha.
15Akkasitti qalma gubamu isa yeroo hundumaa itti fufu sanaaf ganama ganama xobbaallaan, kennaan midhaanii, dhadhaan ejersaas haa qopheeffamu!? jedha*.
16Itti fufees Waaqayyo gooftaan, ?Guddaan biyyaa dhaala isaa irraa ilmaan isaa keessaa tokkoof yoo kenne, kennaan sun darbees sanyii isaatiif haa ta'u! Inni qabeenya dhaalaa isaaniif in ta'a.
17Haa ta'u iyyuu malee, inni dhaala isaa irraa hojjetoota isaa keessaa tokkoof yoo kenne, kennaan sun hamma bara luba baasiitti kan isaa haa ta'u! Kana booddee garuu guddaa biyyaa sanaaf haa deebi'u! Dhaalli isaa kan ijoollee isaatii ti, isaaniifis in ta'a*.
18Guddaan biyyaa namoota cunqursee qabeenya isaanii irraa kaasee dhaala isaanii irraa hin fudhatin! Saba koo keessaa tokko illee qabeenyi isaa akka irraa hin fudhatamnetti, inni qabeenya ofii isaatii keessaa ilmaan isaatiif dhaala haa kennu!? jedhe*.
19Kana booddee namichi karaa balbala isa karra sana bukkee, gara kutaawwan iddoo qulqullaa'oo warra kan lubootaa toora gara bitaa irra jiraniitti na geesse; kunoo, dhuma toora kanaa isa gara lixa-biiftuu immoo iddoo tokkotu ture*.
20Namichi, ?Kun iddoo luboonni kennaa sababii yakkaatiif dhi'aatu, kennaa sababii cubbuutiif dhi'aatus itti affeelanii dha; akkasumas isaan kennaa midhaanii gara oobdii isa gara duubaatti baasanii sabatti qulqullummaa akka hin dabarsinetti, lafa isaan itti aarsaa midhaanii tolchanii dha? naan jedhe*.
21Ergasii namichi gara oobdii isa gara duubaatti na baasee, golee oobdichaa arfanuu irras akkan darbuuf na geesse; kunoos goleen oobdichaa adduma addaan oobdii xinnaa tokko qaba ture.
22Golee oobdichaa arfanuu irra oobdii xixinnaa tokko tokkotu itti naanneffamee jira; oobdichi adduma addaan dheerinni isaa dhundhuma afurtama, bal'inni isaas dhundhuma soddoma, arfanuu immoo safarri isaanii tokkicha ture.
23Gara keessaatiin dhagaan tolfamaan naannoo arfanuu isaaniitti adda addaan irra dabarfamee toora galee jira, iddoon ibiddaa immoo naanna'ee toora dhagaa tolfamaa sana jalatti hojjetame.
24Yommus namichi anaan, ?Kun iddoo ibiddaa lafa warri mana qulqullummaa sanaaf hojjetan qalma sabni dhi'eessu itti affeelanii dha? jedhe.