Macaafa Hose'a Raajichaa 1:1-9 GAZB1997 - Bible AI

1Kun dubbii Waaqayyoo isa bara Uziyaa, Yotaam, Ahaaz, Hisqiyaasis tarreetti biyya Yihudaa irratti mo'anii, Yerobi'aam ilmi Yeho'aash immoo biyya Israa'el irratti mo'etti, gara Hose'a ilma Beriit dhufee dha*.[1]

2Waaqayyo dura karaa Hose'a yeroo dubbatetti, Hose'aadhaan, ?Biyyichi Waaqayyoon dhiisuu isaatiin ejja guddaa keessa lixeera; kanaaf dhaqi, dubartii ejjituu fuudhi, ijoollee ejjaas godhadhu!? jedhe*.[2]

3Kana irratti inni dhaqee Gomeerin intala Diiblaayim fuudhe; isheen ulfooftee ilma in deesseef.

4Yommus Waaqayyo, ? ?Yizre'el? jedhii moggaasi! Yeroo gabaabduu booddee sababii dhiiga Yizre'elitti dhangala'eef mana Yehuu nan adaba; mootummaan Israa'elis kanumaan akka raawwatu nan godha*.

5Gaafas ani dachaa Yizre'el keessatti humna warra Israa'el nan cabsa? jedheen.[3]

6Gomeer ammas ulfooftee, durba in deesse; Waaqayyo immoo Hose'aadhaan, ?Ani si'achi mana Israa'eliif cubbuu isaanii isaaniif dhiisuuf matumaa oo'a hin argisiisu, kanaaf ?Lo-Ruhaamaa? jedhii maqaa moggaasi! [Hiikaan isaas ?Oo'a hin arganne? jechuu dha]*.

7Mana Yihudaatti garuu oo'a nan argisiisa, isaan nan oolchas; iddaadhaan yookiis billaadhaan yookiis lolaan yookiis fardeenii fi abboota fardeeniin utuu hin ta'in, ani Waaqayyo gooftaan isaanii harka kootiin isaan nan oolcha? jedhe*.[4]

8Gomeer erga ?Lo-Ruhaamaa? harma guuftee, ulfooftee ilma in deesse.

9Waaqayyo yommus Hose'aadhaan, ? ?Lo-Amii? jedhii moggaasi, isinoo saba koo miti, anis Waaqayyo keessan miti? jedhe. [?Lo-Amii? jechuun ?Saba koo miti? jechuu dha*].[5]