Macaafa Hose'a Raajichaa 11:1-12 GAZB1997 - Bible AI
1?Israa'el ijoollee yeroo turettiani isa nan jaalladhe,biyya Gibxii keessaasilma koo nan waame*.
2Hammuma ani isaan waame immooisaan caalchisaniiana irraa in fagaatan;isaan Ba'aaliif aarsaa dhi'eessuu,bifa fakkeenyaafis ixaana aarsuu ittuma in fufan*.[44]
3?Ani illee sanyii Efreemdaaddisuu nan barsiise,kaasuuttis ol isaan nan fuudhe,isaan garuu kan isaan fayyisuana akka ta'e hin beekne*.
4Ani lookoo gara-laafinaatiinhidhaa jaalalaatiin isaan nan harkise;akka isa waanjoo boquu isaanii irraaitti laafisees isaaniif nan ta'e,gara isaaniittis gad jedheeisaan nan nyaachise.[45]
5?Isaan gara kootti deebi'uuwaan didaniif,gara biyya Gibxiitti deebi'uuf jiru,warri Asoris isaan irratti in mo'u.
6Billaan mandaroota isaanii keessattigad isaan in cira,danqaraa karra dallaa isaaniis in kukkuta,namoota isaanii warra koratanis in fixa.
7?Sabni koo ana irraa gara galuuttiliqimfamanii jiru,yoo ol isaan waamanis,isaan takkaa iyyuu ol hin ka'an.
8?Yaa Efreem,attamittan kan biraattisi kennuu danda'a ree?Yaa Israa'el, ani attamitti garaa kutadhee si dhiisu ree?Ani attamittan akka mandara Aadimaadabarsee si kennuu danda'a ree?Yookiis attamittanakka mandara Zebo'iimsi gochuu danda'a ree?Kana gochuuf garaan koo hin dandeenye,oo'i koos ittuma caale*.
9Ani dheekkamsa koo isa boba'aagad hin dhiisu,deebi'ee Efreemin hin balleessu;ani Waaqayyoo dha malee, nama miti;ani isa qulqulluu si gidduu jiruu dha,ani ija aariitiin hin dhufu*.[46]
10?Isaan ana Waaqayyo duukaa in bu'u,ani sagalee kooisa akka leencaa aadu nan dhageessisa,eyyee, ani sagalee koo nan dhageessisa!Ilmaan koos hollataagara lixa biiftuutii in dhufu*,
11wareeranii akka simbirrootaattibiyya Gibxiitii,akka gugeettis biyya Asorii in dhufu,ani immoo mana isaaniitti isaan nan deebisa;kana ana Waaqayyotu dubbate*.[47]
12?Efreem sobaan,manni Israa'elis gowwoomsaadhaan na marsaniiru;Yihudaan immoo ana Waaqayyo irrattika'ee asii fi achi in naanna'a,warra ofii qulqulluutti lakkaa'ateef immoo amanamaa dha.