1?Efreem qilleensaa wajjin in oola, guyyaa guutuus qilleensa gara ba'a-biiftuu duukaa in fiiga; soba, humnaan nama irratti ka'uus in baay'isa; biyya Asorii wajjin walii galee, biyya Gibxiittis dhadhaa ejersaa in geessa? jedhe*.[48]
2Waaqayyo gooftaan, warra Yihudaa wajjin dubbii qaba, adeemsa isaatiif Yaaqoobitti in ilaala, akka hojii isaattis isaaf in deebisa.
3Yaaqoob garaa haadha isaatii keessatti iyyuu booddeetti akka hin hafneef, koomee obboleessa isaa in qabate, yeroo nama ga'aa ta'es Waaqayyotti marmee gad dhiisuu dide*.
4Ergamaa Waaqayyoo ofitti qabee gad dhiisuu dide, in danda'es; ergasii immoo boo'ee akka inni faara toluuf in kadhate; Waaqayyo Bet'elitti itti mul'ate, achittis isatti dubbate*.
5Inni Waaqayyo gooftaa maccaa ti; Waaqayyo isa yaadatamuun ta'uufii dha*.[49]
6Ati immoo amma gocha Waaqayyo keetiin in deebita; egaa jaalalatti, wanta dhugaa ta'ettis qabamii jiraadhu! Yeroo hundumaas Waaqayyo kee abdiidhaan eeggadhu*!
7Ati immoo naggaadee madaalii sobaa harkatti baatuu dha, nama gowwoomsuus in jaallatta*.[50]
8Kana irratti Efreem, ?Ani dhuguma sooromeera, geessifadheeras; wanta ani argadhe hundumaa keessatti immoo yakki cubbuudhaaf natti muramu hin argamu? jedhe*.
9Kanaaf Waaqayyo, ?Ani Waaqayyo gooftaan kee biyya Gibxiitii kanan si baase, akkuma bara durii dhaabaan wal argaa turre sanatti, ammas deebisee godoowwan keessa sin jiraachisa*.[51]
10?Ani raajotatti dubbadheera, ani mul'ata baay'ee akka argan nan godhe; karaa isaaniis fakkeenyaan nan dubbadhe? jedhe*.
11Hamminni mandara Giil'aad keessa jira, namoonni achitti argamanis kan waa'ee hin baafne in ta'u; Giilgalitti korommii aarsaadhaaf in dhi'eessu, iddoowwan aarsaa isaanii immoo akka tuullaa dhagaa isa bo'oo qotiisaa keessa tuulamee in ta'u*.[52]
12Yaaqoob biyya Aaramitti baqate, Israa'el haadha manaa argachuudhaaf namaaf hojjete, niitii fuudhuufis hoolota tikse*.
13Waaqayyo garuu harka raajiitiin warra Israa'el biyya Gibxiitii ol baase; harka raajiitiin akka eegamanis in godhe*.
14Efreem tuttuqee gooftaa isaa gar-malee waan aarseef, inni immoo yakki isaa inni du'aan ga'u isuma irratti akka hafu in godha, arrabsoo isaas mataa isaatti in deebisa.[53]