Macaafa Hose'a Raajichaa 2:1-25 GAZB1997 - Bible AI

1Si'achi garuu lakkoobsi namoota Israa'el akka cirracha galaanaa isa hin safaramnee, isa hin lakkaa'amnees in ta'a; qooda, ?Isin saba koo miti? ittiin jedhame immoo, ?Ijoollee Waaqayyo isa jiraataa? jedhamuuf jiru*.

2Ijoolleen Yihudaa fi ijoolleen Israa'el tokkummaatti walitti in qabamu; walumattis nama isaan geggeessu tokko in kaafatu; guyyaan Yizre'el guddaa waan ta'uuf, isaanis biyyicha keessaa ol in dhufu*.

3Egaa obboloota keessan, ?Amii? obboleettota keessanis ?Ruhaamaa? jedhaa waamaa! [?Amii? jechuun ?Saba koo?, ?Ruhaamaa? jechuun ?Oo'a argate? jechuu dha*].[6]

4Haadha keessan hadheessaa! Isheen haadha manaa koo ta'uu waan dhiifteef, anis abbaa manaa ishee ta'uu waanan dhiiseef, ishee hadheessaa! Isheen halalummaa fuula ishee irraa mul'atu, milikkita ejjummaas harma ishee gidduudhaa haa baaftu*!

5Yoo kun ta'uu dhabaate garuu, wayyaa ishee irraa baasee akkuma gaafa dhalatteetti qullaa nan hambisa; ishees akka lafa onaa, akka lafa isa gogaa nan godha, dheebuudhaan akka isheen duutu nan godha*.

6Ijoolleen ishee ejjummaadhaan waan dhalataniif, ani oo'a isaan hin argisiisu.

7Haati isaanii in ejjite, isheen garaatti isaan baattes waan yeellaasisaa hojjette; isheenoo, ?Jaalalleen koo buddeena, bishaan, uffata rifeensa hiddamaa kan quncee talbaas, dhadhaa ejersaa, dhugaatiis anaaf in kennu; kanaaf isaan duukaa nan adeema? jetteetti*.[7]

8Erga akkas ta'ee ani immoo akka isheen karaa hin argannetti, qoraattiidhaan karaa isheetti nan cufa, dallaa dhagaas ishee duratti nan ijaara.

9Yoos isheen jaalallee ishee duukaa fiigdee isaan hin qaqqabdu, barbaaddees isaan hin argattu; yommus, ?Ammaa mannaa, dur abbaa manaa koo isa duraa wajjin yommuun jiru anaaf wayya ture; kanaafis ka'ee gara isaatti nan deebi'a? in jetti*.

10Garuu midhaan, waynii, dhadhaa ejersaas akka ani kenneef, meetii fi warqee isa ittiin waaqayyolii tolfamoo isaanii Ba'aalin tolfatanis akka ani isheetti baay'ise isheen hin hubanne*.

11?Kanaaf ani midhaan koo yeroo inni bilchaatutti, cuunfaa waynii koos yeroo inni ga'utti irraa nan deebifadha; rifeensa hiddamaa fi quncee talbaa isa isheen ittiin qullaa ishee dhokfachuuf jirtus ishee duraa nan fudhadha.

12Jaalallee ishee durattis saala ishee bakkeetti nan baasa; harka koo keessaa buutees namni ishee oolchu hin jiru*.

13Gammachuu ishee hundumaa, dalaga ishee, baatii ji'a ji'aan isheen ayyaaneffattu, guyyoota Sanbata ishee, guyyaa ayyaana beekamaa isheen qabdu hundumaas nan hambisa*.[8]

14?Mukkeetii waynii fi mukkeetii harbuu warra isheen ?Jaalallee kootu gatii anaaf kenne? jettu sana nan gad-dhiisisa; isaanis caakkaa ta'anii bineensonni akka irraa nyaatan nan godha.

15Guyyoota isheen Ba'aal waaqayyolii tolfamoo isheetiif ayyaana godhatte, ixaana aarsiteef sanaaf, ishee nan adaba; isheen amartii ishee kaa'attee mi'a ishees naqattee, jaalallee ishee duukaa adeemtee, ana immoo irraanfatte? jedhee dubbateera Waaqayyo.

16Kanaafis kunoo ani ishee tole nan jechisiifadha, gara lafa onaatti ishee geessee dubbii garaa ishee rukutu nan dubbadha*.

17Achi utuu jirruu iddoo dhaabaa waynii isheetii isheedhaaf nan deebisa, dachaa Aakor isa lixuuf abdii hin qabnes lafa abdiidhaan ol itti lixan nan godha; achitti immoo akkuma bara ijoollummaa isheetii akkuma yeroo biyya Gibxii baateettis anaaf in owwaatti*.[9]

18?Ati gaafas ?Abbaa manaa koo? jettee na waamta malee, deebitee akka Ba'aal isa Waaqayyo tolfamaatti ana hin waamtu? jedhee dubbateera Waaqayyo*.

19Maqaan Ba'aal waaqayyolii tolfamoo kanaas afaan isheetti akka hin dhufne nan godha; maqaa isaanii namni yaadatus hin jiru.[10]

20Gaafas bineensota daggalaa, simbirroota qilleensa keessa balali'an, warra lafa irra munyuuqanii wajjinis kakuu isiniif nan gala; iddaa fi billaa, mi'a lolaas caccabsee lafa irraa nan balleessa, akka isin nagaatti, gabiitti teessanis nan godha*.

21Ani yeroo hundumaaf kan koo sin godhadha; qajeelina, dhugaa, jaalala, oo'as argisiisuudhaan kan koo sin godhadha*.

22Amanamummaa argisiisuudhaanis kan koo sin godhadha, atis ana Waaqayyo kee bartee in hubatta.

23Waaqayyo dubbateera kunis in ta'a, ?Gaafas ani nan owwaadha, bantiiwwan waaqaaf nan owwaadha, isaanis lafaaf in owwaatu;

24lafti in owwaata; midhaanii fi daadhii waynii dhadhaa ejersaas in baasa, isaanis Yizre'eliif in owwaatu*;

25biyyicha keessa jabeessee ishee nan dhaaba, warra oo'a hin argannettis oo'a nan argisiisa, saba koo isa hin ta'iniinis ?Saba koo? nan jedha; innis ?Waaqayyo koo? naan jedha? jedhe*.[11]

>