Macaafa Hose'a Raajichaa 5:1-15 GAZB1997 - Bible AI
1?Isin luboota nana kana dhaga'aa,yaa gurguddoota Israa'el,yaadatti qabadhaa;warri mana mootichaasgurra keessan as qabaa!Firdii eeguun isiniifkennamee ture,amma garuu firdiinisin irratti in raawwatama;isinoo iddoo ?Miisphaa? jedhamutti akka futtaasaa,tulluu Taabor irrattisakka kiyyoo diriirfamee taataniittu.
2Isin sanyii isa Shiixiimitti hojjettaniigad fageessitanii bal'ifattaniittu;ani garuu hunduma keessancimsee nan adaba.
3Ani Efreemin nan beeka,Israa'elis ana duraa hin dhokanne;amma immoo yaa Efreem,ejjuu keetiin gara-gaggaluu argisiifteetta,Israa'elis xuroofteetti*.
4Gara-gaggaluun yaada isaanii keessawaan jiruuf,Waaqayyoon hin beekan;hojiin isaanii gara Waaqayyootti deebi'uuisaan in dhowwa*.[20]
5?Wanti Israa'elittiin of gurguddisuisumatti dhugaa in ba'a;Israa'elii fi Efreemyakka isaaniitiin in gufatu;Yihudaanis immoo isaanii wajjin in gufata*.
6Isaan bushaayee isaanii fi saawwan isaanii fudhataniiWaaqayyoon barbaaduuf in dhufu;garuu inni waan isaanjalaa deebi'eef,isa hin argatan*.
7Isaan Waaqayyoofwaan hin amanamneef,ormaaf ijoollee in godhatan;kanaaf baatii haaraatti isaanlafa isaanii wajjin xaph in jedhu.[21]
13?Efreem dhukkuba isaa,Yihudaanis madaa isaa yommuu arge,yommus Efreem biyya Asor dhaqe,mooticha guddaa sanattis in ergate;garuu inni isin fayyisuu,madichas isin irraaballeessuu hin dandeenye*.
14Anoo Efreemitti akka leencaa,mana Yihudaattis akkaleenca saafelaa nan ta'a;ani, anumti tatarsaasee nan adeema,fuudhees nan sokka,kan oolchus hin jiru*.
15Hamma isaan yakka isaanii of iratti beekaniifuula koo barbaaddatanitti,ani nan adeema,iddoo koottis nan deebi'a;yoos isaan rakkina isaanii keessattidammaqanii ana in barbaaddatu? jedhe*.[23]