Macaafa Hose'a Raajichaa 6:1-11 GAZB1997 - Bible AI

1Isaan, yommus ?Kottaa gara Waaqayyootti in deebinaa! Isatu nu tatarsaase, isatus nu fayyisa; isatu rukutee nu mammadeesse, isatus erbee irra buusee nuuf hidha*.

2Guyyaa lama booddee deebisee nu fayyisa, sadaffaatti ol nu kaasa; fuula isaa dura in jiraanna*.

3Egaa kottaa Waaqayyoon in barraa, isa beekuudhaafis in dhamaanaa! As ba'uun isaa akka ifa barii lafaa dhaabataa dha; inni akka bokkaa, akka bokkaa arfaasaa isa roobee lafa jiisuutti nuuf in dhufa? in jedhu.[24]

4Waaqayyo garuu, ?Yaa Efreem, ani maal si godhu? Yaa Yihudaa, si immoo maal godhu? Jaalalli kee akka hurrii ganamaa ti, akka fixeensa ganamaan dafee bu'uu tis.

5Kanaafis ani karaa raajotaa sin qiqqirixe, dubbii afaan kootii ba'uunis sin ajjeese; wanti na duratti qajeelaa ta'ee raawwatamu akka ifaa bakkee in ba'a.

6Ani jaalala nan barbaada malee, aarsaa miti; aarsaa gubamu caalaa immoo ana Waaqayyoon beekuu keessan nan barbaada*.[25]

7?Isaan garuu iddoo ?Adaamaa? jedhamutti kakuu cabsan; achittis anaaf hin amanamne.

8Giil'aad mandara warra hamaa hojjetanii isa faana-dha'ame dhiigni keessatti argamee dha*.

9Warri saamtuun riphanii akkuma nama eeggatan, luboonnis walitti hidhatanii karaa Sheekem dhaqu irratti nama in ajjeesu; isaan jal'ina akkasii in hojjetan.

10Namoota Israa'el gidduutti wanta dhagna namaa suukessu argeera; Efreem achitti ejjummaa isaa in argisiisa; Israa'elis of in xureessa*.

11Saba koo warra kana gara gaariitti yommuun deebisu, yeroon haamamuu kee immoo dhaaba in godhata, yaa Yihudaa![26]

>