1?Yeroo ani Israa'elin fayyisuu barbaadutti, yakki Efreem, jal'inni Samaariyaas in mul'ata; isaan gowwoomsaadhaan in hojjetu, hattuun qotee in lixa, aatuun immoo bakkeetti in saama*.
2Ani hojii isaanii isa jal'aa kana hundumaa akkan yaadadhu isaan garaa isaaniitti iyyuu hin yaadan; ammas gochi isaanii isaanitti naanna'ee fuula koo dura jira*.[27]
3?Isaan mooticha jal'ina isaaniitiin, gurguddootas dubbii isaanii isa gara-gaggalaadhaan in gammachiisu.
4Isaan hundumti isaanii ejjitoota, isaan akka eelee ibidda irratti ho'ifamee, isa tolchituun yeroo bukoon sukkuumamee jalqabee hamma bukaa'utti ibidda itti tuqachuu dhiisuu ti.
5Isaan guyyaa ayyaana mootii keenyaatti warra gurguddoota daadhii waynii obaasanii ho'a itti kaasanii in dhukkubsachiisan; mootichis warra ga'iftuu wajjin walii-gale.
6Jarri akkuma eelee gubaatti itti in dhi'aatu, haxxummaan garaa isaaniis riphee jira; aariin isaanii halkan guutuu in seeqa, ganamas akka arraba ibiddaa in boba'a.
7Isaan hundumti isaanii akka eelee ibidda irraa in gubu, warra isaan seerratanis in fixu mootonni isaanii hundinuu kukkufaniiru, isaan keessaas tokko illee ana hin waammanne*.[28]
8?Efreem saba warra kaanii wajjin wal in maka, Efreem maxinoo utuu gara hin galfamin hafee dha;
9Warri ormaa humna isaa in nyaatu, inni immoo isa hin beeku; harriin mataa isaa keessa faca'eera, inni immoo isa hin beeku.
10Of gurguddisuun saba Israa'el isaanumatti dhugaa in ba'a, kana keessaa immoo gara Waaqayyo gooftaa isaaniitti hin deebine, kana hundumaafis isa hin barbaaddanne*.
11Efreem akka gugee ishee wallaaltuu mataa hin qabnee ti; warra Gibxii in waammatu, gara warra Asor immoo in dhaqu*.
12Yeroo isaan dhaqanitti ani kiyyoo koo isaan irratti nan diriirsa, akka simbirroo qilleensa keessa balali'uus gad isaan nan buusa; akkuma waldaa isaaniitti himametti isaan nan adaba.[29]
13?Isaan ana irraa waan baqataniif isaaniif wayyoo! Ana waan yakkaniifis badiisi isaanitti haa dhufu! Ani isaan furuufan ture, isaan garuu soba ana irratti in dubbatu*.
14Siree isaanii irratti in wawwaatu malee, garaa isaaniitiin anatti hin iyyatan; midhaanii fi daadhii wayniitiif of in murmuru; ana irraa in gara galu*.
15Utuma ani isaan gorsee irree isaanii jabeessuufii, isaan hamaa ana irratti in koratu.
16Isaan gara Waaqayyo tolfamaa isa waa'ee hin baafneetti in gara galu; isaan akka iddaa qajeeltootti xiyya hin darbannee ti; sababii dheekkamsa arraba isaaniitiif gurguddoonni isaanii billaadhaan in kufu; sababii kanaaf warri biyya Gibxii isaanitti in ga'isu*?.[30]