Macaafa Hose'a Raajichaa 9:1-17 GAZB1997 - Bible AI

1Yaa Israa'el, ati ejjuu keetiin Waaqayyo kee irraa waan gara galteef, midhaan oobdii hundumaa irratti argattus ?Gatii gaalamootummaa kootii ti? jettee fudhachuu waan jaallatteef hin gammadin, akka saba warra kaaniittis hin ililchin*!

2Oobdii midhaanii keessatti midhaan, iddoo waynii itti cuunfan keessatti wayniin namootaaf hin argamu; daadhiin waynii haaraas isaan in dida*.

3Isaan biyya Waaqayyo isaaniif kenne keessatti hin hafan; Efreem gara biyya Gibxiitti in deebi'a, biyya Asorittis nyaata xuraa'aa nyaachuuf jira*.

4Isaan dhibaayyuu daadhii waynii Waaqayyoof hin dhibaafatan, qalma gubamus isaaf hin qopheessan; buddeenni isaanii akka buddeena warra gaddaa isaanitti in ta'a; buddeenni isaanii mataa isaanii duwwaadhaaf waan ta'eef, gara mana Waaqayyoo hin dhufu; warri isa nyaatan hundinuus in xureeffamu.[35]

5Guyyaa ayyaana beekameetti, guyyaa ayyaanaa isa kan Waaqayyootti maal gochuuf jirtu*?

6Isaanoo yommus badiisa duraa in adeemu; biyyi Gibxii walitti isaan in guurti, mandarri Memfiis awwaala isaanii in taati, mi'a meetii isaanii warra gati-jabeeyyii aramaan irra gara gala, godoo isaanii keessattis qoraattiin in biqila*.[36]

7Guyyoonni adabaa ga'aniiru, guyyoonni itti gatii ofii argatanis ga'aniiru; warri Israa'el kana beekuuf jiru; yakki keessan guddaa waan ta'eef, diinummaan keessanis waan baay'ateef, ?Raajichi qalbii dhabeera, namichi hafuuraan dubbatus maraateera? jettaniittu*.

8Namoonni Efreem balbaluma godoo isaanii duratti raajicha in gaadu; kiyyoon warra simbira qabduu karaa isaa hundumaa dura, diinummaanis mana Waaqayyo isaa keessa jira*.

9Akkuma isa bara mandara Giibe'aatti ta'e, isaanis amala ofii isaanii mancaasaniiru; Waaqayyo yakka isaanii in yaadata, cubbuu isaaniis itti in ilaala*.[37]

10Waaqayyo ?Akka nama lafa duwwaa keessatti ija waynii argateetti, ani Israa'elin nan argadhe; abboota keessanis akka ija mukti harbuu jalqaba godhate, isa dura bilchaateetti nan ilaale; isaan garuu gara Ba'aal isa Phe'or dhufan, Waaqayyo tolfamaa isa yeellaasisaa kanaaf addaan of baasan; akkuma isa jaallatan sanaas ciiggaasisoo ta'an*.

11Ulfinni Efreem akka simbirroo duraa balali'ee in sokka, mucaa godhachuun, waa garaatti hafuun, ulfaa'uunis hin jiru.

12Isaan ijoollee yoo guddifatan iyyuu, tokko illee utuu hin hafin isaan nan dhabsiisa; yeroo ani isaan irraa gargar ba'utti isaaniif wayyoo!

13Akkuman arge Efreem akka muka meexxii iddoo lalisaa keessa dhaabatuu ture; amma garuu ilmaan isaa warra qalutti geessuun irra jira? jedhe.

14Yaa Waaqayyo, ati isaaniif kenni! Garuu maal kennitaaf laata? Gadameessa ulfi irraa ba'u, harma gogaas isaaniif kenni![38]

15Waaqayyo, ?Jal'inni isaanii hundinuu Giilgalitti argame, ani achitti isaan jibbuutti nan ka'e; ani sababii hojii isaanii isa jal'aadhaaf mana koo keessaa oofee isaan nan baasa; ani deebi'ee isaan hin jaalladhu, gurguddoonni isaanii hundinuu mormituu dha.

16Ijoolleen Efreem rukutamaniiru, isaan akka muka hiddi isaa gogee ta'aniiru; isaan sanyii hin godhatan, utuu isaan ijoollee godhatanii iyyuu, ani ijoollee isaanii warra jaalallee garaa isaanii isaan duraa nan ajjeesa? jedhe.

17Sababii isaan gara Waaqayyo koo dhaggeeffachuu didaniif, inni isaan in gata; isaanis saba warra kaan keessa in jooru*.[39]

>