6Yommus yeeyyiin ilmoolee hoolaagidduu in jiraata,qeerransis ilmoolee reettiigidduu in ciisa,jabbiinii fi leenci saafelliwalii wajjin in bobba'u,mucaan xinnoonis isaan in tiksa*;
7saawwii fi amaaketiwalii wajjin in sooratu,jabboonnii fi ilmooleen amaaketaawal bira in cicciisu,leencis akka qotiyyoocidii in nyaata;
8mucaan harma hodhuboolla mar'ataa bira in taphata,inni harma gu'esharka isaa mann'ee buutii keessa in kaa'a.
9Tulluu koo isa qulqullaa'aa irrattisnama kan miidhu,yookiis waa kan balleessu hin jiru;akkuma galaanni bishaaniin guutu,lafti beekumsa Waaqayyootiin in guuta*.[61]
10Yommus hiddi Iseyi akka faajjiitti sabaaf in dhaabata; sabni lafa irraa isa in barbaaddata, iddoon inni boqotus ulfina-qabeessa in ta'a*;
12Inni saba lafa irraaf faajjii ol in kaasa,warra Israa'el keessaaari'atamanii ba'aniswalitti in qaba;warra Yihudaa keessaa faffaca'anisgolee lafaa arfanuutiiwalitti in sassaaba*.
13Yommus hinaaffaan Efreem in bada,diinonni Yihudaas in dhumu,Efreem Yihudaatti hin hinaafu,Yihudaanis Efreemin hin rakkisu.
14Isaan walii wajjingara lixa-biiftuutti in fiigu,gatiittii Filiisxiyaa irrattislafa in dha'u;warra gara ba'a-biiftuu jiraniswalii wajjin in saamu;Edoomii fi Mo'aabinharkatti in galfatu,warri Amoonis isaaniif in abboomamu.
15Waaqayyo arraba galaana Gibxiiraawwatee in gogsa,harka isaas Efraaxiis irrattiol kaase,qilleensaan isa rukuteeiddoo torbatti gargar in hira;namnis kopheedhaan keessa adeemeeakka ce'u in godha*;
16akkuma yommuu Israa'elbiyya Gibxii ba'ekaraan tolfameef,akkasuma saba isaa warra Asoritti hafaniifiskaraa guddaan in tolfama*.[63]