Macaafa Isaayaas Raajichaa 12:1-6 GAZB1997 - Bible AI

1Yaa saba nana, yeroo sanatti ati, ?Yaa Waaqayyo, ati anatti dheekkamtee turte, amma garuu dheekkamsa kee ana irraa deebiftee waan na jajjabeessituuf sin jajadha.

2Kunoo! Waaqayyo fayyisaa koo ti, ani isa nan amanadha, homaas hin sodaadhu; Waaqayyo gooftaan humna koo isa ani faarfadhuu dha, inni fayyisaa koo anaaf ta'eera? in jetta*.

3Isin gammachuudhaan burqaa fayyinaa keessaa, bishaan in waraabbattu*.[64]

4Yeroo sanatti isin, ?Waaqayyoon galateeffadhaa, maqaa isaas waammadhaa! Gocha isaa saba hundumaa keessatti beeksisaa, maqaan isaa akka ol ka'es himaa*!

5Inni wanta guddaa waan hojjeteef, Waaqayyoon faarfadhaa! Wanti inni godhes guutummaa biyya lafaa irratti haa beekamu!

6Yaa Xiyoon! Sagalee guddaadhaan faarfadhuu, gammadis! Waaqayyo inni qulqulluun kan Israa'el, inni guddaan saba isaa gidduu in jiraata? in jettu*.[65]

er>