Macaafa Isaayaas Raajichaa 13:1-22 GAZB1997 - Bible AI

1Wanti Isaayaas ilmi Amoz waa'ee Baabiloniif arge kanatti fufee jira.

2Tulluu duwwaa irratti faajjii ol fuudhaa! Sagalee guddaadhaan loltoota waamaa! Karra kellaa warra gurguddootaa keessa akka lixaniif, harkaan isaan argisiisaa!

3Ani Waaqayyo ofuma kootii warran addaan isaan baafadhe abboomeera, akkasuma immoo gootota koo warra ulfina kootti gammadan waameera; isaanis dheekkamsa koo jara irratti in raawwatu*.[66]

4Sagaleen namoota baay'ee, wacuun mootota lafa irraas tulluu irraa in dhaga'ama; Waaqayyo gooftaan maccaa waraanaaf loltuu isaa walitti qabachaa jira;

5isaan biyya fagoodhaa fi daarii lafaatii in dhufu; yommus Waaqayyo mi'a aarii isaatiin lafa hundumaa in balleessa.

6Guyyaan Waaqayyoo dhi'aateera, innis isa hundumaa danda'u biraa badiisa waan fiduuf wawwaadhaa*!

7Yommus harki hundinuu in dadhaba, garaan nama hundumaas akka gagaa in baqa;

8isaan in sodaatu, gaddii fi dhiphinni isaan in qabata; akka dubartii ciniinsifattu in miixatu, wal ilaalaniis in rifatu, fuulli isaaniis akka barbadaa ibiddaa in diimata.[67]

9Kunoo! Guyyaan Waaqayyoo inni hamaan, lafa onsuuf, warra cubbamootas isa irraa balleessuuf, dheekkamsaa fi aarii boba'aadhaan in dhufa.

10Yommus urjoonni waaqaa fi urjoonni ?Sadee? jedhaman ifa isaanii hin kennan; aduun ba'aa jirtus in dukkannoofti, jiinis ifa ishee hin kennitu*.

11Waaqayyo gooftaan, ?Biyya lafaa, hammina isaatiif, jal'ootas yakka isaaniitiif nan adaba; of jajuu warra of gurguddisanii irraa nan fixa, ol ka'uu warra hamootaas gad nan qaba*.

12Namni warqee qullaa'aa irra akka muraasatu, sanyiin namaas warqee Ofiir irra akka yaratu nan godha;

13kanaaf ani Waaqayyo gooftaan maccaa guyyaa dheekkamsa kootti, guyyaa aarii koo isa boba'aatti, bantiiwwan waaqaa nan rom'isiisa, laftis iddoo isaatii akka socho'u nan godha.[68]

14?Akka kuruphee namni ari'uu fi akka hoolota nama walitti sassaabu hin qabnee, akkasuma namni hundinuu kara karaa gara saba isaatti in deebi'a, gara biyya isaattis in baqata*;

15kan booji'amu hundinuu in waraanama, kan qabamu hundinuus billaadhaan in dhuma;

16daa'imoonni isaanii ija isaanii duratti gargar in ciramu, manneen isaanii in saamamu, dubartoota isaaniittis namni in roorrisa*.[69]

17?Kunoo! Ani warra Medoon warra meetii tuffatanii fi warra warqee hin jaallanne isaanitti nan kaasa*;

18iddaan isaanii dargaggoota in cira, daa'imootaaf hin oo'u, ijoollotaafis hin hilu.

19Baabilon isheen mootummoota hundumaa irra miidhagdu, isheen ulfinaa fi of jajuu saba ishee warra Kaldootaa taate, akkuma Sodoomii fi Gomoraa, warra ani Waaqayyo barbadeesse in taati*.

20Bara baraan namni ishee keessa hin jiraatu, dhalootaa hamma dhalootaattis ishee keessa hin taa'u; namni biyya Arabaa achi keessa godoo hin dhaabbatu, tiksoonnis hoolota isaanii achi keessa hin deechifatan.

21Bineensonni achi keessa in ciisu, manneen isaanii keessas hurungoonni in guutu; guchiin achi keessa in jiraatti, korbeeyyiin reettiis achi keessa in burraaqu;

22manneen warra jajjaboo keessatti waraabessoonni in yuusu, mana isaan itti gammadan keessattis waangonni in iyyu, yeroon Baabilon jala ga'eera, guyyaan ishees dhi'aateera? in jedha*.[70]

ter>