Macaafa Isaayaas Raajichaa 14:1-32 GAZB1997 - Bible AI
1Waaqayyo sanyii Yaaqoobiif in oo'a, ammas Israa'eloota fo'eebiyya isaanii keessa in teessisa;sabni ormaa isaanitti in dabalama,sanyii Yaaqoobittis in hirkata*;
2sabni lafa irraa Israa'eloota fuudheegara iddoo isaanii duriitti isaan in geessa;isaan biyya Waaqayyoo keessattisaba sana garbichaa figarbittii in godhatu;Israa'eloonni warra durisaan qabatan,amma immoo deebisanii in qabatu,warra dur isaan cunqursan,amma immoo darabee isaanii in mo'u*.[71]
3Ati yaa Israa'el, yommuu Waaqayyo gadda kee, dhiphina kee fi garbummaa ati keessa turte keessaa si baasee boqonnaa siif kennu,
4mootii Baabilon irratti weedduu mo'ichaa,
4?Inni nama cunqursaa tureattamitti dhuma argate!Dheekkamsi isaas attamitti dhaabate!
5Waaqayyo ulee nama jal'aa in hunkuteesse,ulee mootummaa warra nama mo'aniis in hurreesse;
6inni dheekkamsa isaa irraa kan ka'e,utuu gargar hin kutin,saba lafa irraa in rukute;aariidhaan isaan in mo'e,oo'a malees isaan in ari'e.
7Amma biyyi lafaa guutummaattiboqonnaa fi gabii in argatte,gammachuudhaanis in ililchite;
8Gaattiraa fi birbirsi Liibaanonsitti ga'isanii,?Erga ati gad qabamtee,namni nu muruudhaaf dhufu hin jiru? in jedhu*.[72]
9?Yommuu ati iddoo lafa jalaattigad buutu,innis gad fagoodhaa socho'ee si simata;ekeraanis nagaa si gaafachuudhaaf in ka'u,warri dur lafa irratti geggeessitoota turan hundinuu,mootonni saba lafa irraasteessoo isaanii irraa in ka'u;
11Ulfinni kee fi sagaleen maseenqoo kee,gara iddoo lafa jalaatti gad in darbatame;afanni kee bunqursaa, uffanni kees raammoo in ta'e*.[73]
12?Ati yaa ilma ganamaa,isa akka bakkalcha barii ibsuu!Attamitti bantiiwwan waaqaa irraagad darbatamte!Ati inni saba gad qabaa turte,amma immoo attamittilafatti dabalamte!
13Ati garaa kee keessatti,?Ani gara bantiiwwan waaqaattiol nan ba'a,urjoota Waaqayyoo gara irraasteessoo koo nan dhaabbadha,tulluu iddoo walga'iiisa dhuma gara bitaajiru irras nan taa'a;
14duumessoota ol fagoo irratti ol nan ba'a,isa hundumaa gara irraa jiruttisof nan fakkeessa? in jette*.
15Ati garuu iddoo lafa jalaatti in darbatamte,qillee keessas in buute.[74]
16?Warri achitti si argan dinqisiifatanii,?Kun isa lafa rom'isiisaa ture,isa mootummoota raasaa ture,
17isa biyya lafaa onse,isa mandaroota diigee balleesse,isa warra hidhaman gad hin dhiifnee dhamitii?? in jedhu.
18?Reeffi mootota saba lafa irraa hundinuu adduma addaanulfinaan awwaala oofii isaanii keessa in kaa'ama;
19kan kee garuu akka dameemuramee tuffatameeawwaala kee keessaa baafamee,diidatti gatama malee, hin kaa'amu;warra gorra'amanii billaan isaan u'uree wajjin,boolla dhagaa keessa in buufama,miillaanis gad in dhidhiitama*.
20Ati biyya kee waan balleessiteef,saba kees gorraatee waan fixxeef,isaan gidduutti hin awwaalamtu;sanyiin warra hamaa godhaniibara baraan deebi'aniimaqaa hin dha'aman.
21Isaan ka'anii biyya qabataniimandara isaaniitiin lafaakka hin guunnetti,sababii yakka abboota isaaniitiifilmaan isaanii fixuudhaafiddoo qopheessaa!?jettee in weeddifta.[75]
22Waaqayyo gooftaan maccaa,?Ani isaan irratti nan ka'a? jedha;itti dabalees, ?Ani Waaqayyo,Baabilon keessaa maqaa ishee fi hambaa ishee,ilmaanii fi ilmaan ilmaan isaaniilafa irraa nan balleessa;
23Baabilonin iddoo dhaddeen itti galtu,laga caffees nan godha,harataadhaanis haree ishee nan balleessa?jedha Waaqayyo gooftaan maccaa.
24Waaqayyo gooftaan maccaa kakatee,?Akka ani yaade in ta'a,akka ani murtoo godhettis in raawwatama;
25ani warra Asor biyya koobiyya Israa'el keessatti nan caccabsa,tulluu koo irrattis isaan nan dhidhiita,waanjoon isaanii saba koo irraa in fuudhama,ba'aan isaaniis gatiittii saba koo irraa in bu'a? jedhe*.
26Murtoon guutummaa biyya lafaatiif qophaa'e isa kana,harki saba hundumaa irrattiol fuudhames kana;
27Waaqayyo gooftaan maccaamurtoo godheera,eenyutu isa hambisa ree?Harki isaas ol fuudhameera,eenyutu isa gad deebisa ree*?[76]
28Wanti kunbara Ahaaz mootichi du'e himame;
29yaa warra Filiisxiyaa hundumti keessan,uleen isin rukutewaan cabeef,mee baay'ee hin gammadinaa!Sanyii hidda bofaa keessaamar'ataan in ba'a,ilmoon isaas bofa balali'u in ta'a;
30hiyyeessonni warri gadadamoonnitika in argatu,warri dhibamanis yaaddoo maleenagaatti in jiraatu;sanyii kee garuu beelaan nan rukuta,innis saba kee keessaawarra baraaraman ajjeesee in fixa.
31Yaa karrootaa wawwaadhaa!Yaa mandarootaa iyyaa!Yaa warra Filiisxiyaa,hundumti keessan sodaadhaa,akka gagaa baqaa!Gara bitaatii aarri in dhufa,tarreen isaas wal irraa hin citu.
32Warra saba sana biraaergamanii dhufaniifmaal deebii kennina??Waaqayyo Xiyoonin jabeessee dhaabeera,sabni isaa warri rakkatan ishee keessattiiddoo baqaa in argatu? jenna*.[77]