Macaafa Isaayaas Raajichaa 15:1-9 GAZB1997 - Bible AI

1Wanti Mo'aab irratti ta'uuf jiru kanatti fufee jira; mandarri Aar-Mo'aab halkan tokkotti diigamtee in baddi, mandarri Qiir-Mo'aabis halkan tokkotti diigamtee in baddi*;

2namoonni mandara Diibon, gara galma iddoo ol ka'aa irra jirutti, ol ba'anii in boo'u; namoonni Mo'aab hundinuu gadda irraa kan ka'e, mataa isaanii haaddatanii areeda isaaniis murmuratanii, tulluu Neboo fi Medebaa irratti in wawwaatu.

3Uffata gaddaa uffatanii karaa irra in adeemu, hundumti isaanii bantiiwwan mana isaanii irraa, walga'ii karaa irraas in wawwaatu; imimmaan isaaniis in dhangalaasu*.

4Heshboonii fi Ele'aale in iyyu, sagaleen isaaniis hamma Yaahasitti in dhaga'ama; kanaafis loltoonni Mo'aab in iyyu, garaan isaaniis in rom'a.[78]

5Garaan koo biyya Mo'aabiif in boo'a; warri ishee keessaa baqatan hamma Zo'aaritti in dhufu, hamma Eglaat-Shelshiiyaattis in adeemu; gara Luhitti boo'aa ol in ba'u, karaa Horonaayim irrattis waa'ee badiisa isaanii in wawwaatu;

6bishaan Niimriim in bade, margi in goge, biqiltuun in collage, wanti lalisu tokko illee hin jiru;

7kanaaf isaan wanta horatanii walitti qabatan keessaa, hamma isaan harkatti hafte laga Alaltuu in ceesifatu.

8Iyyi wawwaannaa isaanii fi faaruun isaanii, daariidhaa hamma daariitti guutummaa biyya Mo'aabitti hamma mandara Eglaayimii fi mandara Be'er-Eliimiinitti in dhaga'ame.

9Bishaan mandara Diibon dhiigaan guuteera, ani amma iyyuu dabalee Diibonitti dha'icha nan fida; warra Mo'aab keessaa baqatanitti, warra biyyatti hafanittis leenca gad nan dhiisa[79].

er>