3Warri Mo'aab, ?Nu gorsi, murtoos nuuf kenni! Gaadidduun kee guyyaa saafaa irra akka halkanii qabbana haa buusu, nuyi warra sitti baqannu nu dhoksi! Nuyi warra kooluu sitti gallus dabarsitee nu hin kennin!
4Nuyi warri biyya keenya Mo'aab keessaa baqanne, galaa taanee isin bira in teenya! Warra nu ari'atan jalaas nu dhoksi!? jedhu; inni nama cunqursu lafa irraa yommuu badu, badiisi yommuu hafu, warri nama dhidhiitanis yommuu biyyaa ba'an,
5yommus teessoon tokko jaalalaan jabaatee in dhaabama; sanyii Daawit keessaas inni amanamaan achi irra in taa'a; inni firdii dhugaa in barbaada, wanta qajeelaas dafee in raawwata*.[81]
6Namoonni Yihudaa, ?Waa'ee of tuullummaa Mo'aabii fi ol of qabuu ishee, of gurguddisuu ishee fi of bokoksuu ishee dhageenyeerra; of tuuluun ishee kun garuu gatii hin qabu? in jedhu.
7Kanaaf warri Mo'aab walii wajjin biyya isaaniif in wawwaatu, baay'ee gaddanii bixxillee ija waynii irraa hojjetame isa Qir-Hareeshetti jiruuf in boo'u.
8Dhaabaan maasii Heshboon keessa jiru, mukti waynii Siibmaa keessaas in coollage, waynichi inni fo'amaan inni dur hamma Yaazeritti, hamma lafa onaatti, hamma galaana gamaattis damee isaa yaafatee ture, bulchitoota saba lafa irraatiin lafatti in dhidhiitame.
9Kanaafis ani namoota Yaazerii wajjin, dhaabaa muka waynii Siibmaaf nan boo'a; yaa Heshboon! Yaa Ele'ale! Sababii iji mukaa keessanii fi midhaan keessan dhabamnaan, yeroo makariitti waci hafeef ani imimmaan koo dhangalaasee isiniif nan boo'a.
10Gammachuu fi ililleen maasii midhaan baasu keessaa in bade; iddoo dhaabaa muka waynii keessaa faarfannaan hin dhaga'amu, wacis achi hin jiru; namni waynii cuunfu iddoo cuunfaa waynii hin jiru, waca achi keessaas nan hambise;
11sababii kanaaf garaan koo Mo'aabiif akka kiraaraa in iyya, keessi namummaa koos Qir-Hareesheetiif in boo'a.
12Mo'aab iddoo ol jedhaatti yoo ol baate illee, akkasumaan of in dadhabsiifti; iddoo kadhataa ishee yoo dhaqxes homaa waa'ee hin baafattu*.[82]