7Gaafas namoonnigara isa isaan uumee in ilaalu,ija isaaniis gara isa qulqulluuisa kan Israa'elitti in deebisu;
8gara iddoo aarsaa isa ofii isaaniitii hojjetanii,gara utuboota fakkeenyawaaqayyittii tolfamtuutiif dhaabamanii,gara iddoo ixaanaaisa harka isaaniitiin hojjetaniis hin ilaalan*.
9Akkuma mandaroonniHiiwotaa fi Amoorotaayommuu namoonni Israa'elbiyyicha qabatan ta'an,yeroo sanatti mandaroonni isaaniiwarri masaraa qaban,akka ona caakkaan dhaalee in ta'u, in diigamus.
10Ati Waaqayyoon isa si fayyisuwaan irraanfatteef,kattaa isa iddoo baqaa siif ta'eswaan hin yaadatiniif,dhaabaa gaarii yoo dhaabbatte,biqiltuu biyya ormaas yoo dhaabbatte*,
11guyyaadhuma dhaabde sanattisjala soquu yoo jalqabde,innis borumtaa isaa ganamayoo siif daraare,guyyaa dhukkubni isa hin fayyifne itti dhufutti,wanta makarattu hin qabdu.[84]