13Gurguddoonni mandara Zo'aan in gowwooman,gurguddoonni mandara Memfiisisin sossobaman;ofii isaaniitiis immoosaba Gibxii karaa irraa in kaachisan[91].
14Waaqayyo hafuura walii wallaalchisuisaanitti in naqe,isaan akka nama machaa'eegatantaraa hoqqisuu in ta'an;biyyi Gibxiis wanta gootu hundumaattikaraa irraa akka kaatu in godhan*.
15Si'achi biyya Gibxii keessaanamni waa hojjeteefiixaan baasu hin jiru;warri mataatti, eegeetti,damee muka meexxiittiyookiis dhallaadduutti fakkeeffamanwaa gochuu hin danda'an.[92]
16Waaqayyo gooftaan maccaaharka isaa warra Gibxii irrattiyommuu ol fudhatu,isaan akka dubartootaa in ta'u,sodaataniis in hollatu;
17biyyi Yihudaa biyya Gibxii in naasisa;sababii Waaqayyo gooftaan maccaaisaanitti akeekkateef,maqaan Yihudaa yeroo dha'amukan dhaga'an hundinuu in sodaatu.
18Yeroo sanatti biyya Gibxii keessaa mandaroonni shan warri afaan Kana'aan dubbatan maqaa Waaqayyo gooftaa maccaatiin in kakatu; mandaroota sana keessaa isheen tokko ?Mandara aduu? in jedhamti[93];
19yommus iddoon aarsaa garaacha biyya Gibxii keessatti Waaqayyoof, utubaan dhagaas daarii biyya sanaa irra seenaa isaatiif in dhaabama;
20kun biyya Gibxii keessatti Waaqayyo gooftaa maccaaf milikkitaa fi dhuga-baatuu in ta'a; yommuu isaan gad qabamanii gara Waaqayyootti iyyatan, inni immoo fayyisaa isa isaaniif loluu fi isa luba isaan baasu isaaniif in erga*.
21Waaqayyo yommus warra Gibxii biratti in beekama; warri Gibxiis isa in beeku, isaafis aarsaa qalmaa fi kennaa midhaanii in dhi'eessu; Waaqayyoof wareega in wareegu, wanta wareeganis in baasu*;
22warra Gibxii Waaqayyo in rukuta, garuu yoo rukute iyyuu isaan in fayyisa; yommuu isaan gara isaatti deebi'anis kadhata isaanii dhaga'ee isaan in fayyisa*.[94]
23Yeroo sanatti karaan biyya Gibxii ka'ee hamma biyya Asoritti in ba'a; warri Asor biyya Gibxii, warri Gibxiis biyya Asor in dhaqu; warri Gibxii warra Asorii wajjin Waaqayyoof in sagadu*;
24yommus Israa'el Gibxii fi Asoritti dabalamee sadaffaa in ta'a; kunis guutummaa biyya lafaatiif eebba in ta'a;