Macaafa Isaayaas Raajichaa 2:1-22 GAZB1997 - Bible AI

1Isaayaas ilmi Amoz waa'ee Yihudaa fi waa'ee Yerusaalemiif wanta kanatti fufee jiru in arge;

2bara booddeetti tulluun manni qulqullummaa inni kan Waaqayyoo irra jiru, tulloota hundumaa keessaa akka isa caaluutti jabaatee in dhaabata, gaarota hundumaa gara irraattis ol in ka'a; sabni lafa irraa hundinuus gara isaatti in yaa'u.

3Sabni lafa irraas baay'atanii in dhufu, Xiyoon keessaa seerri, Yerusaalem keessaas dubbiin Waaqayyoo waan ba'uuf, ?Karaa isaa akka inni nu barsiisuuf, nus daandii isaa irra akka adeemnuuf, kottaa gara tulluu mana Waaqayyootti, gara mana Waaqayyoo isa kan Yaaqoobitti ol in baanaa!? in jedhu*.[11]

4Inni saba gidduutti firdii in kenna, saba baay'eedhaafis murtoo in godha; isaan billaa isaanii maarasaa, eeboo isaaniis isa ittiin muka qeexxa'an in tumsiifatu; egaa sabni sabatti billaa hin luqqifatu, isaan deebi'aniis lola hin baran*;

5isin yaa mana Yaaqoob kottaa, ifa Waaqayyoo keessa in deddeebinaa*![12]

6Ati saba kee sanyii Yaaqoob in gatte, namoonni gara ba'a-biiftuu warri hooda dubbatan dhufanii isaan keessa in guutan; isaan akka warra Filiisxiyaa qoricha namatti in godhu, walii-galtee jabeessuudhaaf ormaa wajjin harka wal in rukutu*;

7biyya isaanii keessa meetii fi warqeen guutuu dha, badhaadhummaan isaaniis dhuma hin qabu; biyya isaanii keessa fardeen guutuu dha, konkolaataan isaaniis dhuma hin qabu;

8biyyi isaanii waaqayyolii tolfamoodhaan guutuu dha; isaan hojii harka isaaniitti in sagadu, isa quba isaaniitiin tolchanis in waaqeffatu*;

9sanyiin namaa yoo gugguufe iyyuu, namni hundinuus yoo gad deebi'e iyyuu, ati garuu isaaniif hin dhiiftu![13]

10Naasisuu Waaqayyoo duraa kattaa keessa lixi, surraa isaa duraas lafa keessa dhokadhu*!

11Iji nama mataa irra-keessa qabatuu lafa in ilaala, warri of gurguddisanis gad in qabamu; guyyaa sanatti Waaqayyo duwwaatu ol ol jedha*.[14]

12Guyyaan Waaqayyo gooftaa maccaa warra of bokoksanii, mataa irra-keessa qabatanii fi warra ol ol qabaman hundumaa irratti in dhufa; gadis isaan in qaba;

13inni gaattiraa Liibaanon isa dheeraa fi ol jedhaa irratti, qilxuu Baashaan hundumaa irrattis in ka'a;

14tulloota dhedheeroo hundumaa irratti, gaarota ol ka'oo hundumaa irrattis in ka'a;

15riqaa dhedheeraa hundumaa irratti, dallaa dhagaa dhedheeroo hundumaa irrattis in ka'a;

16markaboota Tarshiish hundumaa irratti, markaboota baay'ee mimmiidhagoo hundumaa irrattis in ka'a;

17yommus of bokoksuun namaa gad in qabama, mataa irra-keessa qabachuun namootaas gad in deebi'a; guyyaa sanatti Waaqayyo duwwaatu ol ol jedha;

18gaafas waaqayyolii tolfamoonni raawwatanii in badu*.[15]

19Waaqayyo sodaachisuu isaatii fi surraa ulfina isaatiin biyya lafaa rom'isiisuudhaaf yommuu ka'u, namoonni isa duraa gara holqa kattaa fi boolla lafaatti in baqatu;

20yeroo sanatti namoonni hundinuu waaqayyolii meetiidhaa fi warqee irraa itti sagaduudhaaf hojjechiifatan hundumaa tuqaadhaa fi simbira-halkanii dura in buusu;

21kana booddees Waaqayyo lafa rom'isiisuudhaaf surraa ulfina isaatiin yommuu ka'u, namoonni na'anii gara holqa kattaa fi holqa dhagaatti in baqatu*;

22namni hammuma hafuurri isaa keessa jirtutti malee waa'ee hin baasu; kanaafis waa'ee isaa ittuma dhiisaa*![16]

er>