1Baras angafni ajajjuu duulaa inni Sargon mootii Asor biraa ergame dhufee, biyya Ashdood lolee in qabate;
2Waaqayyo duraan dursee Isaayaas ilma Amozitti dubbatee, ?Dhaqii uffata gaddaa kee mudhii keetii hiiki, kophee kees miilla keetii baasi!? jedhee ture; innis akkuma itti himame sana in godhe; uffata of irraa in fuudhee, miilla duwwaas in adeeme.
3Waaqayyo ammas dubbatee, ?Inni Isaayaas garbichi koo uffata of irraa fuudhee, kophees miilla isaattii baasee waggaa sadii adeemaa ture milikkitaa fi dinqii wanta biyya Gibxii fi biyya Itiyoophiyaa irratti ta'uuf jiru akka ta'e,
4akkasuma mootiin biyya Asor warra Gibxii qabatee, warra Itiyoophiyaa immoo booji'ee, dargaggootaa fi jaarsolii qullaa isaanii, kophee miilla isaaniittii baasee, hudduu qullaa oofee in adeema; kun warra Gibxiif yeelloo attamii ti?
5Yommus warri Itiyoophiyaa abdachaa turanii fi warri Gibxiin of jajaa turan, in sodaatu in qaana'us;
6yeroo sanatti warri qarqara galaanaa jiraatan, ?Kunoo warri nuyi mootii biyya Asor jalaa akka nu baasaniif abdachaa, gargaarsaafis itti baqachaa turre akkas erga ta'anii, egaa nuyi attamitti isa jalaa baana ree?? in jedhu? jedhe*.