Macaafa Isaayaas Raajichaa 21:1-17 GAZB1997 - Bible AI

1Wanti waa'ee lafa onaa isa galaana bukkeetiif dubbatame, kanatti fufee jira; bubbeen biyya gara-mirgaa akkuma bubbisu, akkasuma lafa onaadhaa, biyya nama sodaachisuu wanti balleessu tokko in dhufa;

2wanti anatti mul'ate kun nama sodaachisa; mul'atichis, ?Inni saamu in saama, inni balleessus in balleessa; yaa Elaam ka'i! Yaa Medoon marsi! Inni Baabilon nama rakkisaa turte hundinuu asuma irratti akka dhaabatu nan godha? kan jedhu ture*.[97]

3Ani kana yommuun arge, yommuun dhaga'es, na'ee dugdi koo na cite, akka dubartii ciniinsifattuus ta'ee, gad nan gugguufe.

4Garaan koo in raafame, naasuunis na rom'isiise, ?Aara galfachuudhaaf yoom anaaf dhi'a?? jedhee nan hawwe; inni garuu naasuutti na duraa geddarame*.

5Wanta irra taa'an afaa, maaddii qopheessaa! Nyaadhaa, dhugaa! isin gurguddoota nana ka'aa, gaachana keessan dibaatii haxaa'aa![98]

6Waaqayyo gooftaan anatti dubbatee, ?Dhaqii eegduu dhaabi, inni immoo wanta argu haa himu!

7Konkolaataa, abboota fardeenii lama lama ta'anii adeeman konkolaataa harreedhaan harkifamuu fi konkolaataa gaalaan harkifamu yommuu argu, ba'eessa godhee hubatee haa ilaalu!? naan jedhe.

8Eegdichis iyyee, ?Yaa gooftaa, ani guyyaa hundumaa iddoo dhaabatanii eegan kana nan dhaabadha, halkan hundumaas dammaqee nan eega.

9Ilaa! Jarreen tokko konkolaataa fardeeniin harkifamu yaabbatanii dhufaa jiru? jedha; isaan keessaa inni tokko immoo ka'ee, ?In kufte! Baabilon in kufte! Fakkeenyi waaqayyolii tolfamoo ishee hundinuus caccabanii lafatti in dabalaman? jedhe*.

10Yaa warra akka midhaan oobdii keessaa rukutamtanii, ani wantan Waaqayyo gooftaa maccaa isa kan Israa'el irraa dhaga'e isinitti nan hima.[99]

11Wanti waa'ee Edoomiif dubbatame kanatti fufee jira; namni tokko Se'iirii na waamee, ?Yaa eegduu, halkan kun bari'uuf hammamtu hafe? Yaa eegduu, halkan kun bari'uuf hammamtu hafe?? naan jedhe[100].

12Eegdichis deebiseefii, ?Ganamni, galgallis in dhufa, wanta gaafattu yoo qabaatte garuu deebi'ii kottuutii gaafadhu!? jedhe.

13Wanti waa'ee biyya Arabaatiif dubbatame kanatti fufee jira; yaa imaltuu warra Dedaan, caakkaa keessa buufadhaatii achuma bulaa!

14Yaa warra biyya Teemaa, warra dheebotaniif bishaan kennaa! Warra Dedaanii baqatanii dhufan buddeenaan simadhaa!

15Isaan billaa jalaa, billaa luqqifame jalaa baqatan; iddaa dhifamee fi lola guddaa jalaas in ba'an.

16Ammas wanti Waaqayyo anatti himee, ?Akka namni qacaramee hojjetu waggaa lakkaa'atutti, si'achi waggaa tokko keessatti, ulfinni Qedaar gad in deebi'a*;

17ilmaan Qedaar warra jajjaboo warra xiyyaan warraanan keessaas muraasi in hafu? kan jedhuu dha; Waaqayyo gooftaan Israa'el kana dubbateera.[101]

ter>