Macaafa Isaayaas Raajichaa 22:1-25 GAZB1997 - Bible AI
1Wanti dachaa isa ?Dachaa mul'ataa?jedhamee beekame irratti dubbatame kanatti fufee jira;isin maal taatan?Maaliif hundumti keessanbantii manaa irratti ol baatan?
2Yaa mandara iyyaa fi wacaan guutuuyaa ishee gammadduu!Loltoonni kee warri dhuman,billaadhaan yookiislola keessatti hin dhumne;
3bulchitoonni kee hundinuuwalii wajjin in baqatan,xiyya tokko illee utuu gad itti hin dhiisinhundumti isaanii in qabaman;warri si keessa jiraatan hundinuufagoodhumatti diina jalaabaqatanii turan,hundumti isaanii garuu in qabaman.
4Kanaafis, ?Mandarri saba koowaan diigamteef,mararamee nan boo'aatiiana hin ilaalinaa,na jajjabeessus hin yaalinaa!? nan jedhe*.[102]
5Waaqayyo gooftaan maccaa, gaaf tokko,raafamuu, lafatti dhidhiitamuu,walii walaalchifamuus?Dachaa mul'ataa?isa jedhamu sanatti in erga;gaafas dallaan dhagaa in jijjiga,iyyis gara tulluutti ol in ba'a.
6Warri Elaam korojoo xiyyaa,konkolaataa namni irra taa'uu fifardeen fudhatanii in ka'u;warri Qiir gaachana isaaniimann'ee keessaa in baasu.
7Dachaa kee isa miidhagaa keessakonkolaataan in guuta,abootiin fardeeniiskarra mandara kee dura in ijaajju;
8Yihudaa irraa golgaan in fuudhame;yommus isin gara mi'a waraanaaisa mana isa ?Caakkaa Liibaanon?jedhamu keessa jiru in ilaaltan.
9Cabaa dallaa mandara Daawitisa baay'ees in argitan,kuufama bishaanii isa gara gadii keessaabishaan waraabdaniiwalitti in qabdan*.
10Manneen mandara Yerusaalemkeessa jiranin lakkooftan,isaan keessaas gar tokko diigdaniiittiin dallaa mandarichaa in cimsitan*;
11bishaan isa kuufama bishaaniiisa durii keessaa ba'uu fidallaa lamaan gidduuttiiddoo itti bishaan walitti qaban in ijaartan;gara isa kana hojjetee garuu hin ilaalle,isa durii durii jalqabeetolches hin argine.[103]
13Kunoo! Garuu gammaduu, ililchuu,sangootaa fi hoolota qaluu,foon nyaachuu, daadhii wayniisdhuguutu ture;?Bor in duuna erga ta'e,kottaa har'a in nyaana, in dhugnas?waliin in jedhu*.
14Waaqayyo gooftaan maccaa anatti dubbatee,?Dhugumaan yakka kanaanin duutu malee,isiniif hin dhiifamu!? jedhe;Waaqayyo gooftaan maccaakana dubbateera.[104]
15Wanti Waaqayyo gooftaan maccaa dubbate kanatti fufe jira,?Ka'ii gara Shebnaa isahojii mana mootummaaadeemsisu dhaqii itti dubbadhuutii*,
16?Ati asitti iddoo awwaalaalafa ol ka'aagaraa dhagaa keessatti kan qopheessifatte,iddoo bultii kees kattaa keessattikan tolchiifatte,asii maal qabda?Eenyunis asii abdatta?
17Yaa nama aango-qabeessaa,kunoo! Waaqayyo jabeessee si qabee,furguggisee si baasuuf jira;
18inni akka ijoo kollee si furuurseebiyya fagoo keessa si buusa;ati achitti in duuta,konkolaattonni kee warri ulfina-qabeeyyiinisachitti in hafu;ati mana gooftaa keetiittimuka salphinaa in taata;
19kanaaf inni immoo iddoo keetii gad si buusa,hojii kee irraas si kaasa? jedhiin.[105]
20?Ani Waaqayyo yommus garbicha koo Eliyaaqimin ilma Hilqiiyaa nan waama;
21qoloo kee isatti nan uffisa, sabbata kees mudhii isaatti nan hidha, hojii isa ati adeemsisaa turtes isatti nan kenna; inni warra mandara Yerusaalem keessa jiraataniif, mana Yihudaatiifis abbaa in ta'a*;
22gooftummaa inni ittiin mana Daawit banu ani gatiittii isaa irra nan kaa'a; kan inni banu namni tokko illee hin cufu; kan inni cufus namni tokko illee hin banu*;
23ani iddoo amanamaa irra jabeessee isa nan dhaaba; inni mana abbaa isaatiif gonfoo ulfinaa in ta'a.[106]
24?Ulfinni mana abbaa isaatii jiru hundinuu, ijoolleen, ijoolleen ijoollee isaanii, qodaa xixinnaan mana keessaa, kan akka xuwwee fi okkotee isatti ba'aa in ta'u.
25Ani Waaqayyo gooftaan maccaas yommus, ?Inni akka qofootti iddoo amanamaa irra jabaatee dhaabate sun maramee lafa in dha'a; wanti inni baatee jiru hundinuus in caccaba? nan jedha? jedhe; Waaqayyo kana dubbateera.