1 Wanti mandara Xiiros irratti ta'uuf jiru kanatti fufee jira; markaboonni Tarshiish biyya Qophrosii utuu deebi'anii, Xiiros diigamtee, manneenii fi iddoo buufata markabaa malee hafuu ishee dhaga'anii in wawwaatu*;
2 isin naggaadonni Sidoon, warri qarqara galaanaa jiraattan, warri ergamoonni keessan markabaan galaana irra adeeman calluma jedhaa!
3 Midhaan Siihor galaana guddicha irra, wanti qarqara galaana Abbayyaatii makaramus, galaana irra gara Sidoonitti in geeffama ture; isheen saba lafa irraatiif iddoo nagadaa taatee turte*.[107]
4 Yaa Sidoon yeella'i! Galaanni dubbatee, humni galaanaas himee, ?Ani hin ciniinsifanne, hin deenyes; ijoollee dhiiraa harma hin hoosifne, ijoollee durbaas hin guddifanne? jedhe.
5 Xiiros akka diigamte yommuu dhaga'an, warri Gibxii na'anii in rom'u.
6 Yaa warra galaana qarqara jiraattanii, gara Tarshiishitti ce'aatii wawwaadhaa!
7 Kun mandara keessan ishee gammachuu qabdi turte, ishee bara baay'ee jiraatte, namoonni ishees biyya fagoo dhaqanii akka taa'aniif ergaa turte sana mitii?
8 Xiiros ishee dur gonfoo namaaf kennaa turte, ishee naggaadonni ishee gurguddoota biyyaa turan, warri mi'a ishee gurguranis biyya lafaa irratti ulfina-qabeeyyii turan, egaa eenyutu ishee irratti murtoo godhe?
9 Waaqayyo gooftaa maccaatu, of bokoksuu gurguddoota ishee hundumaa gad deebisuudhaaf, namoota ishee warra biyya lafaatti ulfina argatan hundumaas salphisuudhaaf, ishee irratti murtoo godhe.
10 Yaa mandara Tarshiish, akkuma lagni Abbayyaa guutee irra danbali'u, si'achi ittisi waan hin jirreef, galaanni si irra in yaa'a;
11 Waaqayyo harka isaa galaana irratti ol fudhatee mootummoota rom'isiiseera; masaraan Kana'aanis akka diigamuuf abboomeera.
12 Inni mandara Sidoonitti immoo dubbatee, ?Ati yaa mandara Sidoon ishee namni itti roorrisuu! Si'achi deebitee gammachuu hin argattu, ka'ii biyya Qophrositti gad bu'i, garuu achumatti iyyuu boqonnaa hin argattu? jedheen.
13 Mee biyya Baabilon ilaalaa! Sabni amma hin beekamne kun dur achi ture, warri Asor riqaa itti ijaaranii, masaraa isaas in diigan; biyya sanas iddoo bineensi jiraatu in godhan.
14 Masaraan keessan waan diigameef, isin yaa warra markaboota Tarshiish ooftanii wawwaadhaa!
15 Yommus Xiiros waggaa torbaatamaaf in irraanfatamti, innis bara jireenya mootii tokkoo ti; waggaa torbaatama booddee immoo akkuma weedduu warra gaalamootaa keessatti*,
16 ?Ka'ii kiraara kee fudhadhu yaa gaalamoota irraanfatamtee, akka yaadatamtutti mandara keessa naanna'i, sagalee miidhagaadhaan weeddisii faarfadhu!? jedhamee in ta'a*.[108]
17 Waggaa torbaatama booddee Waaqayyo, Xiirosin in yaadata; isheen immoo deebitee nagada isheetii fi gaalamootummaa isheetiin horii in argatti; mootota biyya lafaa irra jiran hundumaa wajjinis in ejjiti*;
18 bu'aan ishee fi wanti isheen argattu garuu Waaqayyoof kennaa addaan baafame ta'a malee, walitti qabamee hin tuulamu; warri Waaqayyoof hojjechuudhaaf fuula isaa dura dhaabatan nyaata gaarii fi uffata miidhagaa ittiin in bitatu*.[109]
Bible Society of Ethiopia