Macaafa Isaayaas Raajichaa 24:1-23 GAZB1997 - Bible AI
1Waaqayyo, kunoo! Biyya lafaa onaa fi duwwaa in godha;Inni irra lafaa in geddara,warra isa irra jiraatanis in tamsaasa.
2Immata irratti kan ta'u,luboota irrattis in ta'a;isa namaaf hojjetu irratti kan ta'u,isa hojjechiifatu irrattis in ta'a;ishee namaaf hojjettu irratti kan ta'u,ishee hojjechiifattu irrattis in ta'a;isa bitu irratti kan ta'u,isa gurguru irrattis in ta'a;isa ergifatu irratti kan ta'u,isa ergisu irrattis in ta'a;isa liqeeffatu irratti kan ta'u,isa liqeessu irrattis in ta'a.
3Waaqayyo dubbii kana waan dubbateef,lafti guutummaatti duwwaa in ta'a,raawwatees saamamee in ona.
4Lafti gaddaan in coollaga,biyyi lafaa gogee in bada,gurguddoonni saba lafaa in mudhuku*.
5Warri lafa irra jiraatanabboommii fi seerrata Waaqayyoo irra daddarbanii,kakuu bara baraas cabsuu isaaniitiinlafa in xureessan.
6Kanaaf abaarsi lafa in balleessa,namoonni isa irra jiraatanyakka oofii isaanii in baatu;kana irraa kan ka'esnamoonni lafa irra jiraatan in gubatu,isaan keessaa immoo muraasi in hafa.
7Dameen muka waynii in coollaga,mukti wayniis ija in dhaba;warri dur garaan isaanii gammaduamma in gaddu*;
8sagaleen dibbee inni nama gammachiisu,waci warra quufanii iyyaniisgab in jedha;sagaleen kiraaraas in hafa;
9namni akka duriidaadhii waynii dhugee geeraru hin jiru,dhugaatii cimaan warra dhugutti in hadhaa'a*;
10mandarattiin ontee in diigamti,homtinuu akka ol itti hin galleefismanneetiin warri hafan hundinuu in cufamu.
11Karaa irra dhaabataniidaadhii wayniitiif in iyyu;gammachuun hundinuu gadda in ta'e,ililleenis biyya keessaa in bade;
12mandarattiin akkuma ontetti in hafti,karri ishees in caccabdi;
13yommus biyyi lafaa fi saboonni lafa irraa,muka ejersaa isa iji isaairraa hurgufamuu fimuka waynii isa iji isaairraa ciramee,coraan isaa irratti hafee in fakkaatu*.[110]
14Warri hafan immoo sagalee isaaniiol fudhatanii,gammachuudhaanis ulfina Waaqayyoo in faarfatu,gara lixa-biiftuuttiisguddina isaa in odeessu.
15Egaa warri gara ba'a-biiftuugalata isaaf galchaa,warri galaana qarqaraasmaqaa Waaqayyo gooftaaisa kan Israa'el galateeffadhaa!
16Gara qarqara lafaatii faarfannaa,?Isa qajeelaadhaaf ulfina kennaa!?jedhu in dhageenya;ani garuu deebisee,?Ani nama gad deebi'aa dha,ani nama gad deebi'aa dha,anaaf wayyoo!Gantoonni hin amanaman,gantoonni hin amanaman? nan jedhe*.[111]
18Inni sagalee iyyaa sodaatee jalaa fiigu,boolla keessatti in kufa;isa boolla keessaa ol ba'u immookiyyoon in qaba;yommus ittifni duraa fuudhameebishaan bantii waaqaa keessaagad in dhiifama,hundeen lafaas in socho'a*;
19lafti in dho'a,caccabees in hurraa'a,guddaas in socho'a*;
20lafti akka namamachaa'ee gatantaruu in godhatti,akka godoo qilleensi raasuus in raafamti,irra-dadarbaan ishee isheetti in ulfaata,in kufti, deebitees hin kaatu*.[112]