Macaafa Isaayaas Raajichaa 25:1-12 GAZB1997 - Bible AI
1Yaa gooftaa, ati Waaqayyo koo ti,ani sin galateeffadha,maqaa kees nan jajadha;wanta dur akeeki isaa qopheeffame,isa dinqisiisaa fi amanamaa sana,amma raawwatteetta*;
2ati mandarattiiakka tuullaa kosii in goote,ishee masaraa qabdus in onsite,iddoo baqaa isa kan ormaas in diigde,inni immoo bara baraan deebi'eemandara ta'ee hin ijaaramu;
3kanaafis sabni jajjaboonniulfina siif in kennu,mandaroonni warra jal'ootaas si sodaatu*.
4Ati isa deegaadhaafiddoo baqaa in taate,isa dhabaas yeroo gidiraa isaatti in gargaarte;bokkaa yandoo iddoo itti dheessanii fiho'a aduu jalaa iddoo itti baqatangaaddisa in tolchiteef;wanti afaan jal'ootaa keessaa ba'u,akka bokkaa yandoo gannaa,akka ho'a aduu bonaa fi,akka bulluqa lafa gogaa ti*.
5Akka duumessi ho'a qabbaneessu,akkasuma ati wacawarra jal'ootaa gab in goota,weedduun isaaniis hin dhaga'amu.[115]
6Waaqayyo gooftaan maccaa tulluu kana irratti,saba hundumaaf cidhanyaataa fi dhugaatii,cidha nyaata coomaa fidaadhii waynii isa gaarii in qopheessaaf*;
7inni tulluu kana irrattigadda nama hundumaa irraa in balleessa,isa saba hundumaa irra buufatesirraa in fuudha;
8raawwatees du'a in balleessa,Waaqayyo gooftaanimimmaan ija namahundumaattii in haqa;guutummaa biyya lafaa irrattiarrabsamuu saba isaa irra tureirraa in fageessa;Waaqayyo kana dubbateera*.[116]
9Yommus isaan,?Ilaa inni Waaqayyo keenya!Inni nuyi, ?Nu fayyisa? jenneeeeggachaa turre isa;inni nuyi amanannes isa;kottaa fayyisuu isaatti in gammanna,in ililchinas? in jedhu.
10Harki Waaqayyoo tulluu Xiyoon in golga,Mo'aab garuu, akkuma habaqiiniddoo kosii itti gatanitti dhidhiitamu,miilla isaa jalatti in dhidhiitama;
11Mo'aab akka nama daakaa daakuuharka isaa in bal'isa,garuu utuma inni colluma qabaate iyyuuWaaqayyo immoo akkuma innigad liqimfamu in godha.
12Inni dalloota mandara keewarra dhedheeroo fi cicimmoo duuffisee,gad isaan in cicciibsa,caccabsees lafattiisaan in dabala*.[117]