Macaafa Isaayaas Raajichaa 26:1-21 GAZB1997 - Bible AI
1Yeroo sanatti faarfannaan kanatti fufee jirubiyya Yihudaa keessatti in faarfatama,?Nuyi mandara jabduu qabna,Waaqayyo nu oolchuudhaafkellaa fi masaraa itti nuuf ijaare*;
2sabni qajeelaanii fi amanamaanakka ol galutti,karroota dallaa ishee banaa*!
3Isa garaan isaa cimsee si amanatu,sababii inni sitti of kennatuufati nagaa guutuudhaan in eegda;
4Waaqayyo gooftaankattaa yeroo hundumaa jiraatuwaan ta'eef,bara baraan isa amanadhaa*!
5Inni warra iddoo ol jedhaa irra jiraatan,hundumaa gad in qaba;mandaroota ol ka'oobiyyootti gad darbatee,lafatti isaan in dabala*.
6Miilli warra cunqurfamaniiisaan irra in ejjeta,faanni warra dhaboos isaan in dhidhiita*.[118]
7?Yaa gooftaa isa qajeelaa!Ati warra qajeelotaafkaraa in tolchita,daandiin isaan irra adeemanisakka wal qixxaatu in goota.
8Yaa Waaqayyo,wanta si durattiqajeelaa ta'ee fudhatamein eegganna;maqaa kee fi wanta ati nuuf gooteyaadachuu in dharraana;
9halkan garaa guutuu sin hawwa,hafuurri koos dhimmee si barbaada,ati lafatti yommuu faraddu,warri biyya lafaa irra jiraatan qajeelummaa in baru*.
10Warri jal'oonnifaara tolaadhaan yoo ilaalaman,qajeelummaan maal akka ta'e hin baran;isaan biyya qajeelummaadhaankeessatti hojjetamutti iyyuujal'ina in hojjetu,surraa Waaqayyoos hin argan.
11Yaa Waaqayyo, harki kee isaan irrattiol fuudhameera,isaan garuu hin argan;akka ati saba keetiif hinaaftuarganii haa qaana'an,ibiddi ati diinotaaf qopheessites isaan haa fixu*![119]
12?Yaa Waaqayyo, ati nagaanuuf in kennita,wanta hojjenne hundumaas ati nuuf raawwatteetta;
13yaa Waaqayyo gooftaa keenyaa!Goftooliin biraa nu irrattimo'anii turan,nuyi garuu maqaa kee duwwaa in waammanna*;
14isaan amma hin jiran, du'aniiruekeraan warra du'aniis hin ka'an;ati isaan adabde,isaan in balleessites,seenaan isaanii hundinuusraawwatee akka irraanfatamu in goote*.
15Yaa Waaqayyo, ati saba sana in baay'ifte;saba sana in baay'ifte,daarii isaas karaa hundumaa in bal'ifte,kanaanis ati ulfina in argatte.[120]
16?Yaa Waaqayyo, yeroo gidiraatti si barbaaddatu,yommuu ati isaan adabdusboo'aa si kadhatu*.
17Yaa Waaqayyo! Akkuma dubartiin ulfaayommuu da'uuf ciniinsifattu iyyitu,nuyis si duratti akkasuma in taane*.
18Akkuma dubartiiakka waan ulfoofnettiin ciniinsifanne,garuu homaa hin deenye;wanta biyya gargaaruwaan hojjenne hin qabnu,biyya lafaa irrattis nama hin daballe.
19Warri kan keetii garuu in jiraatu,reeffi isaaniis du'aa in ka'a;isin warri awwaala keessa ciiftan,ka'aa, gammadaa faarfadhaa!Yaa gooftaa, fixeensi ati ergitufixeensa jireenya kennuu dha,egaa laftisekeraa warra du'aniiol in baafti*.[121]
20?Yaa saba koo as kottu!Kutaa mana keetti ol gali,balbala kees cufadhu;dheekkamsichi hamma darbutti,iddoo baqaa tolfadhu*!
21Kanaafis kunoo,Waaqayyo iddoo isaatii as ba'eesababii yakka isaaniitiifwarra lafa irra jiraatan in adaba;laftis dhiiga ishee irratti dhangala'ein mul'ifti,si'achis warra ajjeefamandhoksuu hin dandeessu?kan jedhuu dha*.[122]