Macaafa Isaayaas Raajichaa 27:1-13 GAZB1997 - Bible AI
1Yeroo sanatti Waaqayyo billaa isaaisa sodaachisaadhaan,isa qaramaadhaa fi jabaadhaanlewaataan bofa isa murxuxxifamu,lewaataan bofa isamarmaramaa sana in adaba;jawwee guddaa isa galaanatti galus in ajjeesa*.[123]
10Mandarri isheen dur masaraanitti naanna'ee ture,amma in onti,qe'een keessaa adeemanisakka lafa onaatti in gatame;jabbiin achi keessa in dheeddi,achi keessa ciifteeslataa muka hundumaadheeddee in fixxi;
11dameen isaa yommuu gogu,dubartoonni qoraan isaa in cabsatu;kun saba waa hubachuu hin dandeenyee dha,kanaaf inni isaan uumeisaaniif hin oo'u,inni isaan tolchesisaaniif hin hilu*.[125]
12Yeroo sanatti Israa'eloota warra galaana Efraaxiisii kaasee hamma daarii laga Abbayyaatti jiran Waaqayyo akka nama midhaan rukutee ija isaa keessaa harcaasuutti tokko tokkoon funaanee walitti in qaba*;
13yommus fiinoo guddaan in afuufama, warri biyya Asoritti badanii fi warri biyya Gibxiitti oofaman gara biyya isaaniitti deebi'anii Yerusaalem keessatti tulluu Waaqayyoo isa qulqullaa'aa irratti isaaf in sagadu*.[126]