Macaafa Isaayaas Raajichaa 28:1-29 GAZB1997 - Bible AI

1Gonfoo isa namoota Efreem warra machooftuudhaa fi of jajuu ta'eef, isa daraaraan isaa inni miidhagaan irraa coollageef, isa gubbee dachaa midhaan baasu gara irraa jiruuf, isa warri daadhiin waynii mo'ate ittiin of jajaniif wayyoo!

2Waaqayyo kunoo! Diina isa jabaa fi aango-qabeessa, isa akka cabbii irratti gad bu'u, isa akka qilleensaa jigsee balleessu, isa akka bokkaa yandoo lolaadhaan haree fageessu, isa si'a tokkichaan lafatti isa naqu itti in erga*.

3Yommus gonfoon inni namoonni Efreem warri machooftuun ittiin of jajaa turan, miillaan lafatti in dhidhiitama;

4inni daraaraan isaa miidhagaa ture, inni gubbee dachaa midhaan baasu gara irraa sun amma immoo in coollaga; akka harbuu yeroo malee ija godhatuu, isa namni dura argee ija isaa irraa nyaatee fixuu in ta'a.[127]

5Guyyaa sanatti Waaqayyo gooftaan maccaa, saba isaa warra hafaniif, gonfoo ulfinaa fi mi'a miidhaginaa in ta'aaf;

6isa faraduuf, hafuura ittiin firdii qajeelaa kennu in laataaf, warra karaa karra mandaraa diina ari'anii baasaniifis humna in kenna.

7Isaan kun iyyuu daadhii waynii quufanii gatantaraniiru, dhugaatiin cimaanis isaan joonjesseera; luboonnii fi raajonni dhugaatii cimaa dhuganii gatantaraniiru, daadhiin wayniis isaan wallaalchiseera; raajonni yommuu mul'ata argan in gatantaru, luboonnis yommuu firdii kennan in dogoggoru*.

8Maaddiin isaanii hundinuu balaqamaan guutuu dha, iddoon inni itti hin bu'in tokko iyyuu hin hafne.[128]

9Yommus isaan, ?Inni eenyuun barsiisuu yaala? Ergaa isaas eenyuuf ibsa? Ijoollota harma gad dhiisan, warra reefuu harma gu'an barsiisaa?

10Inni maaliif akkasumaan nutti loqode, abboommii abboommii irratti, abboommii abboommii irratti, seerrata seerrata irratti, seerrata seerrata irratti, asii xinnoo, achii xinnoo nutti dabala?? in jedhu.

11Waaqayyo si'achi sagalee giingeetiin, afaan ormaatiinis saba kanatti in dubbata*;

12inni isaaniin, ?Iddoon kun iddoo itti aara galfatan, warra dadhabaniif boqonnaa kennaa! Iddoon kun iddoo boqonnaa ti? in jedha; isaan garuu kana dhaga'uu hin barbaanne*.

13Kanaaf dubbiin Waaqayyoo inni isaan raajichaan, ?Abboommii abboommii irratti, abboommii abboommii irratti, seerrata seerrata irratti, seerrata seerrata irratti, asii xinnoo, achii xinnoo nutti in dabala? jedhan sun ammas isaanitti in dubbatama; yommus isaan dugdaan adeemanii, kufanii in caccabu; kiyyoodhaan qabamaniis booji'amanii in adeemu.[129]

14Kanaaf isin warri ga'iftuun, warri Yerusaalem keessa jiraattanii saba bulchitan, dubbii Waaqayyoo dhaga'aa!

15Isin, ?Du'aa wajjin waliif kakanneerra, iddoo lafa jalaa wajjinis waliif galleerra, dha'ichi sodaachisaan yommuu dhufu nuyi sobatti waan kooluu galleef, gowwoomsaa jalas waan linneef, inni nu bira hin ga'u? in jettu.

16Kanaaf Waaqayyo gooftaan, ?Kunoo! Ani dhagaa hundeedhaaf ta'u, Xiyoon keessa nan kaa'a, inni dhagaa qoramee ilaalame isa gati-jabeessa, dhagaa isa golee qajeelchuu dha, hundee amanamaa dhas; namni isatti amanu hin raafamu*.

17Ani firdii ulee ittiin safaran, qajeelummaas madaalii ittiin miijanan nan godhadha; soba isa isin kooluu itti galtan sana cabbiin in balleessa, da'oo isin jalatti baqattanis lolaan in jigsa*;

18kakuun isin du'aa wajjin waliif kakattan in hafa, inni isin iddoo lafa jalaa wajjin waliif galtanis gatii hin qabu; dha'ichi sodaachisaan yommuu dhufu, ittiin rukutamtanii lafatti in dabalamtu.

19Inni yeroo dhufu hundumaatti isin fuudhee in adeema, ganama ganama in dhufa, halkanii fi guyyaas in dhufa; ergicha dhaga'uunis isin in naasisa? in jedha.

20Kunis akka mammaaksa isa, ?Namni siree gabaabaa irra ciisu hin diriirfatu, inni uffata garaa dhiphoo uffatus, ofitti maree rafuu hin danda'u? jedhame sanaa ti.

21Waaqayyo tulluu Pheraaziim irratti, dachaa Giibe'on keessattis akkuma hojjete, ammas hojii isaa isa takkaa hin beekamin hojjechuudhaaf, gochaa isaa isa kanaan dura hin ta'in raawwachuudhaaf in ka'a*.

22Waaqayyo gooftaan maccaa guutummaa lafaa raawwatee akka balleessu anatti himeera; kanaaf hidhaan akka isinitti hin jabeeffamnetti ga'oo keessan dhiisaa*![130]

23Mee hubadhaa, sagalee koo dhaggeeffadhaa! Wanta ani jedhus qalbifadhaa!

24Namni midhaan facaasuu yommuu barbaadu, ittuma fufee lafa qotaa ree? Yookiis ittuma fufee bo'oo baasaa ree?

25Erga meesee booddee immoo gurraattii fi sunqoo irra hin facaasuu ree, qamadiis tarreetti bo'oo keessa hin bubbuusuu ree, garbuu iddoo isaaf qophaa'e keessa hin facaasuu ree? Homboriis qarqara isaatti hin facaasuu ree?

26Kana hundumaa akka ta'utti akka inni hojjetuuf, Waaqayyotu isa gorse, isa barsiises.

27Gurraattiin ulee qal'oodhaan rukutama malee, ulee furdaadhaan hin cagadamu; sunqoonis harcummeedhaan iji isaa keessaa rukutama malee, hin siribsiifamu;

28midhaan yommuu siribsiifamu hamma iji isaa caccabutti siribsiifamaa ree? Lakkii! Miilli horii ija isaa akka hin caccabsinetti eeggatanii sirbisiisu malee, hamma iji isaa caccabutti miti;

29kunis immoo Waaqayyo gooftaa maccaa isa gorsi isaa dinqii, isa ogummaan isaa guddaa biraa dhufe.

ter>