Macaafa Isaayaas Raajichaa 29:1-24 GAZB1997 - Bible AI
1Yaa Yerusaalem! Yaa iddoo aarsaaishee kan Waaqayyoo!Yaa mandara Daawitishee inni keessa jiraatee,siif wayyoo!Cidha kee wagguma waggaattiittuma dabali!
2Yaa iddoo aarsaa ishee kan Waaqayyoo,ani garuu sin rakkisa,boo'ichii fi gaddi in ta'a;kana booddees atianaaf akka iddoo aarsaalafa ibiddi irratti boba'uu in taata;
3ani ofii kootii karaa hundumaasitti nan marsa,riqaa sitti nan naannessa,kobiis si irratti ol nan kaasa*;
4yommus ati gad in deebita,lafa itti gad deebitesanaas in dubbatta;dubbiin kee awwaara keessaa in dhaga'ama,sagaleen kees akka sagalee ekeraaboolla keessaa in ba'a;akka kan warra lafa keessaahasaasaniis in ta'a.[131]
5Hamajaajiin kee warri baay'eenisakka awwaaraa in ta'u,loltoonni warra nama sodaachisaniisakka habaqii in tamsa'u;kunis kan ta'ubattala liphsuu ijaa ti.
6Waaqayyo gooftaan maccaa bakakkaadhaan,socho'a lafaatii fi sagalee guddaadhaan,bubbeedhaa fi kakawweedhaan,arraba ibiddaa isa nama fixuunisisin in adaba.
7Loltoonni saba lafa irraa hundinuuwarri Yerusaalem iddoo aarsaaishee kan Waaqayyoo lolan,warri ishee tuqanii ishee rakkisan,warri iddoo baqaa ishee dhiphisan,amma ishee irraa in ka'u,akka abjuu halkaniis in ta'u*;
8akka nama beela'ee abjuudhaanbuddeena nyaatuu,hirribaa yommuu ka'u immoogaraan isaa duwwaa ta'uu,akka nama dheebotee abjuudhaanbishaan dhuguu,hirribaa yommuu dammaqu immoobishaan dharra'ee gaggabuu,sabni baay'een warrisaba Yerusaalemitti duulan,kunoo, akkasuma in ta'u.[132]
11Mul'anni kun hundinuu isiniif akka macaafa mallattoodhaan cufamee ti; macaafa akkasii nama macaafa dubbisuu beekutti ?Dubbisi!? jettanii yoo itti kennitan, inni immoo, ?Mallattoodhaan waan cufameef, ani kana danda'ee hin dubbisu? in jedha;
12Nama macaafa dubbisuu hin beeknetti immoo ?Dubbisi!? jettanii yoo itti kennitan, inni immoo, ?Ani macaafa dubbisuu hin danda'u? in jedha.
13Waaqayyo, ?Sabni kundubbii afaan isaatiitiinanatti in dhi'aata,ulfinas anaaf in kenna,garaan isaa garuu anattii fagoo dha;akka abboommii namaatiin barsiifamanittiana in sodaatu*
14kanaaf ani saba kana irrattidabalee dinqii nan godha,ogummaa ogeessota isaanii nan balleessa;afchaalummaa afchaalota isaaniis nan dhoksa?jedhee dubbateera*.
15Warra akeeka isaaniiWaaqayyo duraa fageessaniidhoksuu yaalaniif,warra dhoksaatti waa hojjettaniif wayyoo!Isaan yaada isaanii keessatti?Eenyutu nu arga?Eenyutus nu beeka??in jedhu*.
16Isin mataa miilla gootanii,miilla mataa gootan;supheen isa suphee dha'uta'uu danda'aa ree?Wanti harka namaatiin hojjetame tokkoisa isa hojjeteen,?Ati ana hin hojjenne? jechuu danda'aa ree?Wanti namni tokko tolche,isa isa tolcheen,?Inni hubachuu hin danda'u?jechuu danda'aa ree*?[133]
17Yeroo muraasa booddee Liibaanon iddoo dhaabaaisa muka ija godhatu baasuu in ta'a,iddoon dhaabaa muka ija godhatuu immoo caakkaa in ta'a*;
18bara sanatti warri duudan,isa macaafa keessatti caafamee jiru in dhaga'u;iji warra jaamotaas,dukkana limixii keessatti illee in arga*;
19ammas warri gadadamoonni,warri hiyyeessonnis,Waaqayyo isa qulqulluukan Israa'elittiin gammadu.
20Warri nama cunqursan in badu,warri ga'iftuun in dhumu!Warri nama irratti hamaa yaadan hundinuuslafa irraa in balleeffamu;
21warri dubbii sobaatiinmaqaa namaa balleessan,warri balbala kellaa durattinama dhugaadhaaf falmu durakiyyoo kaa'an,warri sobaan dhugaa ba'aniifirdii nama duraa jal'isiisanis in dhumu*.[134]
22Kanaaf Waaqayyo inni Abrahaamin fure,sanyii Yaaqoobiin,?Yaaqoob si'achi hin yeella'u,qaanna'ees fuula hin badu;
23ijoollonni isaa hojii aniisaan gidduutti hojjedheyommuu argan,isaan maqaa koo qulqullinatti in eegu,ana isa qulqulluu kan Yaaqoobiifulfina in kennu,ana Waaqayyo isa kan Israa'el in sodaatu;
24warri yaadni isaanii karaa irraa kaatedeebi'anii in hubatu,warri gungumtuunis barumsa in fudhatu? jedhe.