4Dargaggoonni akka isaan bulchan,ijoolleenis isaan irratti akka mo'an in godha*;
5sabni wal in cunqursa,namni nama irratti, ollaan ollaa irratti,dargaggoonni jaarsolii irratti,inni gad deebi'aanisa ulfina-qabeessa irratti in ka'a.[18]
7Gaafas inni immoo, ?Saba kana irrattidura-buutuu ana hin godhinaa,buddeenni yookiis qoloonmana koo keessa hin jiru,ani isa madaa'e hin fayyisu? jedhee in kakata.
8Yerusaalemii fi Yihudaan dubbii isaaniitii fihojii isaaniitiin Waaqayyoon mormaniiulfina isaa waan salphisaniif,Yerusaalem in gatantarti,Yihudaan immoo in kufti;
9akka isaan nama wal caalchisanfuulli isaanii dhugaa isaan irratti in ba'a;akka warra Sodoom cubbuu isaaniibakkeetti in mul'isu,hin dhoksanis;kanaan badiisa waan ofitti fidaniif isaaniif wayyoo*![19]
11Namni jal'aan garuuwanta nama irratti hojjete hundumaaargachuuf waan jiruuf,isaaf wayyoo!
12Saba koo ijoolleetu gad qabaa jira,warri hiiqii kennatanisisaan irratti in mo'u.Yaa saba koo! Warri si geggeessankaraa irraa si kaachisaniiru,daandii qajeelaa irraas si gorsiisaniiru*.[20]
13Waaqayyo dubbii isaa falmachuudhaaf in ka'a,sabatti faraduudhaafis iddoo isaatti in argama;
14Waaqayyo jaarsolii saba isaa figurguddoota saba isaafirdiitti dhi'eessee,?Isin iddoo dhaabaa wayniiraawwattanii in balleessitan;inni isin hiyyeessota irraa saamtanismana keessan keessa jira*;