Macaafa Isaayaas Raajichaa 30:1-33 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo, ?Ijoollee ana didanii ka'aniif, warra akeeka isa akeeka koo hin ta'in qopheeffataniif, warra fedha koo duuba warra kaanii wajjin tokkummaa dhaabbataniif, warra cubbuus cubbuu irratti dabalataniif wayyoo*!

2Utuu ana biraa gorsa hin fudhatin, gara biyya Gibxiitti gad in bu'u, mootii Gibxiitti kooluu in galu, gaaddisa Gibxii jalattis in baqatu*;

3mootii Gibxiitti kooluu waan galtaniif garuu in qaannoftu, gaaddisa Gibxii jalatti waan baqattaniifis in yeellaatu;

4angafoonni keessan gara Zo'aan mandara Gibxii in dhaqan; warri isin ergitanis Haneesin mandara Gibxii in ga'an.

5Sabni sun yeelloo fi qaanii isaanitti fidu malee, bu'aa hin qaban, karaa tokko illee isaan gargaaruu waan hin dandeenyeef, hundumti isaanii in yeella'u? jedhee dubbateera*.[135]

6Wanti bineensota biyya gara-mirgaa irratti dubbatame, warri ergamanis badhaadhummaa isaanii harreetti, qabeenya isaaniis goba gaalaatti fe'anii, biyya sodaanii fi rakkinni jiru keessa jooranii, iddoo leenci dhalaanii fi leenci kormi jiran keessa darbanii, iddoo mar'ataanii fi bofni balali'u jiran keessa adeemanii, saba isaaniif waa'ee hin baafne bira in dhaqan*;

7gargaarsi warra Gibxii waa'ee hin baasu, afaan duwwaa dha; kanaafan ani isaaniin, ?Isheen jawwee galaanaa isa cal jedhee taa'uu dha? jedhe*.[136]

8Amma dhaqii fuula isaanii duratti gabatee irratti caafi! Macaafa maramu keessattis mallateessi! Innis guyyaa booddeetiif hamma bara baraatti dhuga-baatuu in ta'a;

9isaan saba ana didanii ka'anii dha, warra sobduu, warra abboommii Waaqayyoo dhaga'uu hin jaallannee dha*;

10isaan warra ilaaltuudhaan, ?Hin ilaalinaa!? warra mul'ata arganiinis, ?Wanta qajeelaa nuuf hin arginaa, wanta nutti toluu fi wanta nutti fakkaatu duwwaa nutti himaa*!

11Karicha isa qajeelaa sana irraa jal'adhaa, daandii sana irraas goraa! Waa'ee Waaqayyo isa qulqulluu kan Israa'el sana nutti hin himinaa!? in jedhu.[137]

12Kanaaf inni qulqulluun kan Israa'el, ?Sababii isin wantan isinitti dubbadhu tuffattanii, nama cunqursuutti amantanii, micciiramummaattis hirkattaniif,

13yakki kun akka keenyan dheeraa isa tatarsa'ee dingata jigee hunkutaa'u isin in godha;

14akkasumas akka qodaa suphee isa caccabee hurraa'uu, isa qiraaciin ittiin ibidda fudhatan, yookiis boolla bishaanii keessaa bishaan ittiin waraabbatan illee keessatti hin argamnee in taatu? jedhe*.[138]

15Waaqayyo gooftaan inni qulqulluun kan Israa'el, ? ?Isin yoo deebitanii fi yoo gab jettan in fayyitu, calluma jettanii isa yoo amanattaniif in jabaattu? jedhe; isin garuu diddanii*,

16?Lakkii! Nuyi fardeeniin jalaa in fiigna? jettan; isin, ?Fardeen ariifatanii fiigan in yaabbanna? waan jettaniif, warri isin ari'anis akkasuma ariitiidhaan isin in qaqqabu*;

17isaan keessaa namni tokko yommuu isinitti ori'u, isin keessaa namoonni kumni isa in baqatu; namoonni shan yommuu isinitti ori'an immoo, hundumti keessan in baqattu; utubaa tulluu gubaa dhaabatuu fi faajjii gaara irra jiru malee, isin keessaa namni tokko illee achitti hin hafu? jedhe*.[139]

18Waaqayyo garuu amma iyyuu tola isaa isinitti argisiisuudhaaf isin eegaa jira; isiniif oo'uudhaafis ka'eera; Waaqayyo gooftaan, Waaqayyo isa firdiin isaa qajeelaa waan ta'eef, warri isa eeggatan haa gammadan!

19Ati yaa saba Xiyoon, yaa isa Yerusaalem keessa jiraattuu, si'achi hin boossu; yommuu ati iyyitu, akkuma sagalee kee dhaga'een inni tola isaatiin deebii siif in kenna*;

20Waaqayyo buddeena rakkinaa isiniif in kenna, bishaan dhiphinaas isin in obaasa; haa ta'u iyyuu malee, inni barsiisaa keessan isa deebi'ee isin jalaa hin dhokanne, isa isin ija keessaniin argitanii dha.

21Yommuu isin gara mirgaatti yookiis gara bitaatti adeemuudhaaf jettan, sagaleen tokko isin booddeedhaan isinitti dubbatee, ?Karichi isa kana, isa irra adeemaa!? utuu isiniin jedhuu gurri keessan in dhaga'a;

22yommus isin waaqayyolii tolfamoo keessan warra meetiin itti uffifamee fi bifa fakkeenyaa isa warqeen itti uffifame in salphiftu; akka moofaa xuraa'ummaas gad isaan darbattanii, ?Ija keenya duraa badaa!? isaaniin in jettu*.[140]

23Yommus Waaqayyo sanyii isin maasiitti facaaftan irratti bokkaa in roobsa, laftis midhaan sonaan baay'ee in baasa; yeroo sana horiin keessan bakkee bal'aa marga lalisaa keessa isiniif in dheedu;

24qotiyyoonii fi harroonni qotiisa qotanis okaa miyaa'aa isa qorbiidhaa fi battoodhaan oofamee dura buufamee in nyaatu;

25yeroo riqaan masaraa diinaa jigee diinonni sun dhumanitti, tulluu gurguddaa hundumaa irraa, gaara dhedheeraa hundumaa irraas bishaan in burqa, laga keessas in yaa'a*;

26yommuu Waaqayyo caba saba isaatii walitti hidheefii, isa rukutee madeesses walitti fayyisuuf, jiini akka aduu in ifti, aduunis harka torba isa durii irra caalaa in ibsiti, kunis ifa guyyaa torbaa al tokkotti akka waan ibsituu ti.[141]

27Kunoo! Waaqayyo humnaa fi ulfinaan fagootti in mul'ata, aariin isaas akka ibidda boba'uu fi akka aara gobbutti in ba'a, in dheekkamas, arrabni isaas akka ibiddaa nama in fixa;

28hafuurri isaa akka bishaan guutuu isa morma nama ga'uu ti; inni gingilchaa badiisaatiin saba lafa irraa in gingilcha, luugama karaa irraa isaan kaachisus afaan isaanii keessa in kaa'a*.

29Isin garuu yeroo sanatti faarfannaa isa guyyaa ayyaana qulqulluu galgala faarfatan sana in faarfattu; akka isa yeroo sabni ululleedhaan faarfachaa gara tulluu Waaqayyootti isa kattaa Israa'el jedhamee beekametti ol ba'u sanatti garaa guutuudhaan in gammaddu*.[142]

30Waaqayyo sagaleen isaa inni surra-qabeessi akka dhaga'amu, irreen isaa inni rukutuudhaaf jedhus akka argamu in godha; inni aarii cimaadhaa fi ibidda nama fixuun, bokkaa yandoodhaa fi qilleensa jabaadhaan cabbiidhaanis isaan in rukuta*;

31Waaqayyo sagalee isaatiin warra Asor in caccabsa, ulee isaatiinis isaan in rukuta;

32Waaqayyo ulee adaba isaatiin yeroo isaan rukutu hundumaatti dibbee fi kiraarri in rukutamu; inni immoo rukuttaa harka isaatiin isaan in lola*;

33iddoon itti waa guban dur qophaa'e; mootiin Asoris achitti in gubama; iddoon ibiddaa sun gad fagoodhaa fi bal'aa dha; qoraan baay'eenii fi ibiddi guddaan achi jira; hafuurri Waaqayyo itti baafatus akka dhagaa boba'uu ibidda itti in qabsiisa.[143]

ter>