1Warra, Gibxi biraa gargaarsa argachuudhaaf achitti gad bu'aniif, warra, fardeenitti irkataniif, warra, baay'ina konkolaataa fi abboota fardeenii warra jajjaboo amanataniif, warra, gara isa qulqulluu kan Israa'el hin ilaalleef, warra, gargaarsaaf Waaqayyoon hin gaafanneefis wayyoo*!
2Waaqayyo garuu ogeessa, dubbii isaas gara hin galchu; badiisas isaanitti in fida, mana warra hamaa hojjetanii irratti, warra hamaa hojjechuu isaan gargaaran irrattis in ka'a;
3warri Gibxii namoota malee Waaqayyo miti, fardeen isaaniis foon malee hafuura miti; Waaqayyo harka isaa yommuu ol fudhatu, warri isaan gargaaran hundinuu in gufatu, warri gargaaraman immoo in kufu, lachanuun isaanii walii wajjin in badu.[144]
4Waaqayyo anatti dubbatee, ?Akkuma leenci yookiis leenci saafelli, wanta qabate irratti gururi'u, waca tiksoota warra isa ari'uudhaaf walitti qabamaniis akka inni hin sodaanne, sagalee isaaniitiifis akka inni hin rifanne, akkasuma Waaqayyo gooftaan maccaa tulluu Xiyoon irratti gad in bu'a, gaarota ishee irrattis isheedhaaf loluudhaaf in ka'a;
5akkuma simbirroonni baallee isaanii bal'isanii ilmaan isaanii golbooban, akkasuma Waaqayyo gooftaan maccaa Yerusaalemin in golbooba, ishee golboobees ishee in oolcha, irra isheedhaaf darbees ishee in fura? jedhe*.[145]
8Haa ta'u iyyuu malee, ?Warri Asor billaadhaan in dhumu, garuu billaa namaatiin miti; billaan namni hidhatu isaan hin ajjeesu, isaan billaa kana jalaa in baqatu; dargaggoonni isaaniis giddisiifamanii namaaf in hojjetu*;
9warri jajjabboonni isaanii sodaadhaan in dhumu angafoonni isaaniis na'anii faajjii lolaa dhiisanii in baqatu? jedha Waaqayyo inni ibiddi isaa Xiyoon keessa, iddoon ibidda isaa Yerusaalem keessa jiru*.[146]