Macaafa Isaayaas Raajichaa 34:1-17 GAZB1997 - Bible AI

1Isin yaa saba lafa irraa dhaga'uudhaaf as dhi'aadhaa, isin yaa namoota nana dhaggeeffadhaa! Laftii fi wanti isa irra jiru, biyyi lafaa fi wanti isa keessatti argamu hundinuus haa dhaga'u!

2Waaqayyo saba hundumaatti aareera, loltuu isaanii hundumaattis dheekkameera; ajjeefamuutti dabarfamanii akka kennaman abboomeera; raawwatanii akka isaan badanis godheera*.

3Warri dhuman bakkeetti in gatamu, reeffi isaanii in ajaa'a, dhiigni isaaniis tulloota in mancaasa;

4urjoonni bantiiwwan waaqaa hundinuu in baqu, waaqnis akka macaafa maramuu in marama; macci bantiiwwan waaqaa keessatti argaman hundinuus akka baalli muka wayniittii harca'u, gad in harca'u; akka ija muka harbuu isa coollagee harcaa'uus in ta'u*.[159]

5Billaan Waaqayyoo waaqa irraa mul'ateera. Kunoo! Warra Edoom saba inni itti faraduudhaaf jedhu irratti gad in bu'a;

6billaan Waaqayyoo dhiiga namaa duwwaa ta'eera, akkuma yeroo ilmooleen re'ootaa fi hoolotaa qalamanii, akka cooma kalee korbeeyyii hoolotaattis cooma namaatiin laaqameera; Waaqayyo mandara Bozraatti akka wanta aarsaadhaaf dhi'aate isaan in godha, biyya Edoomittis dhumiisa guddaa isaanitti in fida;

7namoonni akkuma gafarsaa fi jibootaa, akka korommiis achitti in dhumu, dhiigni biyya isaanii irra in ciisa, biyyoon isaas coomaan in gabbata*.[160]

8Waaqayyo guyyaa itti ijaa baafatu, bara itti Xiyooniif gatii ishee baasus qaba*;

9yommus lagni Edoom leeleetti, biyyoon isaa dhagaa boba'utti, biyyi isaas leelee nama gubutti in diddiirama;

10bara baraanis namni achi keessa hin adeemu, halkanii fi guyyaa ibiddi isaa hin dhaamu, aarri isaa utuu wal irraa hin citin ol in ka'a, dhalootaa hamma dhalootaattis lafa duwwaa in ta'a*;

11hurunguu fi dhaddeen isa in dhaalu, hurunguu guddaa fi qurruunis achi keessa in jiraatu; gooftichi isa onsee akka inni bifa dhabu in godha, biyya isa diigames tuullaa dhagaa in godha;

12namni waamanii moosisan gurguddoota isaanii keessa hin jiru, angafoonni isaaniis homaafuu waa'ee hin baasan.[161]

13Manneen mootummaa isaanii keessatti qoraattiin in biqila, da'oo isaanii keessatti kosorruunii fi baalaanwaraanteen wal horu, waangoon, guchiin goromtiinis biyyichatti in galu;

14bineensonni lafa onaa keessa jiraatanii fi waraabessoonni achitti walitti in qabamu, korbeessonni, re'oonni diidaas achitti walitti in mari'atu, seexanni halkaniis achi in buufatti, iddoo boqonnaas isa in godhatti.

15Bofni akka xiyyaa darbatamu achitti mann'ee in tolfata, achittis hanqaaqee ilmaan isaa in yaafata; foggis akka qomoo qomoo isaatti achitti walitti in qabama*.[162]

16Macaafa Waaqayyoo keessa barbaadaatii dubbisaa! Wanta kana keessaa tokko illee kan hafu hin jiru, kan achi keessaa qomoo isaa dhabus hin jiru, Waaqayyo ofii isaatii kana dubbateera, hafuura isaatiinis walitti isaan qabeera;

17Inni ofuma isaatii muka isaaniif buuseera, lafichas harka isaatiin safaree isaaniif hireera; isaan hamma bara baraatti qabeenya isaanii isa in godhatu, dhalootaa hamma dhalootaattis achi in jiraatu.

ter>