Macaafa Isaayaas Raajichaa 35:1-10 GAZB1997 - Bible AI

1Lafti duwwaanii fi lafti gogaan in gammadu, lafti onaanis ililchee akka arfaasee in daraara*;

2baay'isee in daraara, gammadees in faarfata, ulfinni Liibaanon isaaf in kennama, surraan Qarmelosii fi dachaan Shaaron isaaf in dabalama; ulfinni Waaqayyo gooftaa maccaas achitti in argama*.

3Harka dadhabe qabaatii kaasaa, jilba mudhukes jabeessaa*!

4Warra garaa sodaataa qabaniin, ?Jabaadhaa, hin sodaatinaas! Kunoo Waaqayyo keessan, ijaa baafachuudhaaf, adabuudhaaf, isin immoo fayyisuudhaaf gara keessan in dhufa? jedhaa*![163]

5Yommus iji warra jaamotaa in banama, gurri warra duudaas in saaqama*,

6yommus namni naafti akka borofaa in utaala, warri arrabni isaanii didaas gammadanii in ililchu; lafa duwwaa keessaa bishaanonni in ba'u, lafa onaa keessas bishaan burqituun in yaa'a;

7cirrachi akka ibiddaa gubu kuufama bishaanii in ta'a, lafa gogaa keessa bishaan burqituun in yaa'a; iddoon waangonni keessa jiraachaa turanis akka caffee in ta'a, dhallaadduu fi jajjabni isa keessatti in biqilu*.[164]

8Achi keessa karaan in ba'a, maqaan isaas, ?Karaa qulqullaa'aa? in jedhama; karicha irra warra furaman kana duwwaatu adeema, warri gowwoonni iyyuu isa irraa hin kaatan; namni xuraa'aan garuu achi irra hin darbu.

9Leenci achi irratti hin argamu, bineensi hamaan achi irra hin adeemu, warra fayyan duwwaatu achi irra adeema;

10warri Waaqayyo isaan fure, deebi'anii faarfannaadhaan gara Xiyoonitti ol in ba'u; gammachuu bara baraatiin in gonfamu, gammadanii in ililchu, gaddii fi dhiphinni isaan irraa in fagaata*.[165]

ter>