1Hisqiyaas mootichi kana yommuu dhaga'e, uffata isaa tarsaasee uffata gaddaa uffatee mana qulqullummaatti ol gale;
2achumaanis Eliyaaqim isa bulchaa mana mootummaa, Shebnaa isa caaftuu mana mootummaa fi luboota keessaa warra jaarsoliitti uffata gaddaa uffisee, gara Isaayaas raajichaa ilma Amozitti isaan in erge;
3isaanis Isaayaasiin, ?Hisqiyaas mootichi, ?Barri kun bara rakkinaa, bara adabaa fi bara salphinaa ti; akka yeroo dubartiin da'uuf jette humna ittiin ciniinsifattee deessu dhabduu ti;
4Waaqayyo gooftaan kee dubbii Rabshaaqee isa gooftaan isaa mootiin Asor as erge Waaqayyo isa jiraataatti akka inni ga'isu godhu kana dhaga'eera; kanaaf ati immoo harka kee ol kaasii warra hafaniif kadhadhu!? jedha? jedhan.
5Garboonni Hisqiyaas mootichaas gara Isaayaas dhaqanii dubbii kana yommuu isatti himan,
6inni immoo deebisee, ?Gooftaa keessanitti, ?Dubbii anatti ga'isuu garboota mootii Asor isa dhageesse kana hin sodaatin!
7Kunoo! Ani hafuura inni ittiin dhaga'u nan kennaaf; innis oduu dhaga'ee gara biyya isaatti in deebi'a; achittis billaadhaan isa nan ajjeesisa jedheera Waaqayyo? jedhaatii himaa!? jedhe.
8Mootiin Asor Laakiishii akka ka'e Rabshaaqeen angafni loltootaa dhaga'ee deebi'ee yommuu dhufe, utuu mootichi mandara Liibnaa rukutuutti jiruu in arge;
9Tiirhaaqaan mootiin Kuush isa loluudhaaf dhufaa akka jiru Shenaaheriib yommuu dhaga'e, Hisqiyaasitti namoota ergee,
10Hisqiyaas mootii Yihudaatiin, ?Waaqayyo kee inni ati amanattu sun, ?Yerusaalem harka mootii Asoritti dabarfamtee hin kennamtu? jedhee, si hin gowwoomsin!
11Kunoo! Ati wanta mootonni Asor biyyoota hundumaa godhan, akka isaan raawwatanii isaan balleessanis dhageesseetta; ati immoo waan ooltu sitti fakkaataa?
12Waaqayyoliin saba lafa irraa warri abboota kootiin balleeffaman, waaqayyoliin mandaroota Gozaan, Haranii fi Rezee fi, kan saba Eden warri Tel-Aasar keessa turan isaan oolchaniiruu ree*?
13Mootiin Haamaat, mootiin Arphaad, mootiin mandaroota Sefarwaayim, Henaa fi Iiwaa meerree ree?? jedhe.
14Hisqiyaas caaffata sana warra ergaman harkaa fuudhee erga dubbisee booddee, gara mana qulqullummaa dhaqee caaffaticha banee Waaqayyo duratti in diriirse;
15Waaqayyoon kadhachuu jalqabee,
16?Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, Waaqayyo isa kan Israa'el! Yaa isa Kiruubel gara irraa jiraattuu, ati waaqaa fi lafa uumteetta, kophaa kees mootota lafaa irratti Waaqayyoo dha;
17yaa Waaqayyo, gurra kee gara keenyatti qabii dhaggeeffadhu! Ija keetiinis ilaali! Dubbii Shenaaheriib isa inni si Waaqayyo isa jiraataatti ga'isuudhaaf erge kanas dhaga'i!
18Yaa Waaqayyo! Mootonni Asor saba kanaa fi biyyoota isaanii hundumaa dhuguma balleessaniiru;
19waaqayyolii isaaniis ibidda keessa buusaniiru; waaqayyoliin isaanii kun harka namaatiin dhagaadhaa fi muka irraa hojjetaman malee, isaan Waaqayyo waan hin ta'iniif, namni isaan balleessuu danda'e;
20ammas yaa Waaqayyo! Mootummoonni lafa irraa hundinuu Waaqayyo si duwwaa akka ta'e akka beekanitti, ati harka isaanii jala galuu nu oolchi!? jedhe*.
21Ergasii Isaayaas ilmi Amoz gara Hisqiyaasitti dhaamsa ergee, ?Waaqayyo gooftaan Israa'el isa ati waa'ee Shenaaheriib mootii Asoriif kadhatte dhaga'eera;
22waa'ee isaatiifis kan inni jedhu kanatti fufee jira;
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36Ergasii ergamaan Waaqayyoo ba'ee buufata loltuu warra Asor keessaa namoota kumaatama dhibba tokkoo fi kuma saddeettamii shan in ajjeese; namoonni ganama ka'anii yommuu ilaalan, kunoo! Reeffa hunduma isaanii in argan*.
37Yommus Shenaaheriib mootiin Asor achii ka'ee gara biyya isaatti deebi'ee mandara Nanawwee keessa in taa'e.
38Gaaf tokko inni mana ?Nisroo? Waaqayyo tolfamaa isaa keessa lixee utuu sagaduu, ilmaan isaa Adraamelekii fi Shaarezer dhufanii billaadhaan rukutanii isa ajjeesanii, gara biyya Araaraatitti in baqatan; ilmi isaa inni ?Esaar-Hadon? jedhamu iddoo abbaa isaatii mootii in ta'e.