1Yeroo sanatti dubartoonni torba dhiira tokko qabatanii, ?Nuyi buddeena ofii qabnu in nyaanna, uffata ofii qabnus in uffanna, arrabsamuun keenya akka hafutti maqaa keetiin akka waamamnu duwwaa nuuf godhi!? in jedhuun.
2Yommus wanti Waaqayyo lafa irratti biqilchu miidhagaadhaa fi ulfina-qabeessa in ta'a; iji muka lafa irratti biqiluus saba Israa'el keessaa warra hafaniif of jajuudhaaf, ulfinaaf in ta'a;
3warri Xiyoon keessatti hafanii Yerusaalem keessa turan, maqaan isaanii warra Yerusaalem keessa jiraatan keessatti kan caafame hundinuus qulqulloota in jedhamu*;
4yommuu gooftichi intaloota Xiyoon irraa xuraa'ummaa dhiqu, hafuura firdii fi hafuura ibiddaatiin Yerusaalem irraa dhiiga dhiqee qulleessu*,
5guutummaa tulluu Xiyoon irratti, warra achi irratti walitti qabaman hundumaa irrattis guyyaa duumessaa fi aara, halkanis ifa arraba ibiddaa in uuma; ulfinni isaas guutummaa mandarattii in golbooba, in eegas*;
6yeroo aduun gubu, gaaddisa, yeroo bubbeen bubbisuu fi yeroo bokkaan roobutti immoo iddoo itti baqatan in ta'aaf*.