Macaafa Isaayaas Raajichaa 41:1-29 GAZB1997 - Bible AI
1Isin warri biyya galaana gidduukeessa jiraattan,yeroo gara koo dhuftancal jedhaa na dhaggeeffadhaa!Sabnis humna keessan haareffadhaa,as dhi'aadhaatii dubbadhaa!Kottaa walii wajjin firdiidhaaf in dhi'aannaa!
2Qajeelummaadhaan hojjechuudhaafba'a-biiftuutii isa dhufe,isa saba lafa irraa hundumaamootota isaanii wajjin dhidhiitu,isa billaa isaatiin saba lafa irraaawwaara bade godhu,isa iddaa isaatiin akka qilleensa habaqiin fuudhuuisaan bittimsu, eenyutu kaase*?
3Inni isaan in ari'a,ofii isaatii garuu nagaadhaan of irraa bu'eekaraa kanaan duramiilli isaa irra ejjetee hin beekne irra in adeema.
4Kun akka ta'u kan godhe, fiixaanis kan baase eenyu?Jalqabuma iyyuu dhaloonni hundinuuakka jiraatan kan godhe eenyu?Ani Waaqayyo isa duraa tiisa booddee tis*.[185]
5Biyyoonni galaana qarqara jiranwaanan godhe kana arganii in sodaatu,warri andaara lafaa jiranis rom'aniiwalitti dhi'aachuuf in dhufu;
6isaan hundinuu wal in gargaaru,inni tokkos obboleessa isaatiin?Jabaadhu!? in jedha.
7Inni hojii harkaa beekuisa warqee tumu in jajjabeessa,inni buruusaan wal qixxeessuisa waaqa tolfamaa sana irrattiwarqee baqsuun?Ba'eessa? jedhee in toosisa;bifni fakkeenyichaa akka hin sochooneef immoocinqaaraan walitti in qabsiisa*.[186]
8Yaa Israa'el, ati garuu garbicha koo ti,yaa Yaaqoob ani si fo'adheera;ati sanyii Abrahaamsanyii fira kootii ti*;
9ani andaara lafaatii sin fide,biyya fagoodhaas sin waame,?Ati garbicha koo ti, ani si fo'adheera,ani si hin tuffanne? nan jedhe.
10Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin!Ani Waaqayyo kee ti hin na'in!Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras;irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba*.[187]
11Kunoo! Warri si hadheessan hundinuuin yeella'u, in salphatus;warri si irratti ka'anis in dhumu malee,waa'ee hin baasan.
12Ati warra si irratti ka'an kanayoo barbaadde iyyuu isaan hin argitu,warri si lolan akka waan hin jirree in ta'u.
13Ani Waaqayyo gooftaa kee isa harka kee mirgaa qabee?Hin sodaatin! Ani sin gargaara'o?siin jedhuu dha.
14Waaqayyo inni si furu,inni qulqulluun kan Israa'el,?Ani ofii kootii waanan si gargaaruuf,yaa Yaaqoob raammoo nana,yaa Israa'el xinnayyoo nana hin sodaatin!?jedhee dubbateera*.[188]
15Kunoo! Ani konkolaataa midhaan siribsiisu,isa haaraa ilkaan isaa qara qabu sin godha;ati tulloota irra baateeisaan in caccabsita,gaarotas akka habaqii in goota;
16ati akka nama midhaan qoorba'uuttiqilleensatti ol isaan in darbatta,innis isaan in fudhata,bubbeenis isaan in tamsaasa;ati garuu Waaqayyotti in gammadda,isa qulqulluu kan Israa'eliin of in jajja.
17Waaqayyo,?Yommuu warri rakkatoo fi gadadamoonnibishaan barbaadanii dhaban,yommuu arrabni isaanii dheebuudhaan gogu,ani Waaqayyo kadhata isaanii nan dhaga'aaf;ani Waaqayyo inni kan Israa'elisaan hin gatu;
18ani iddoo gogaa fiol ka'aa dhoosee isa keessaabishaan nan yaasa,dachaa keessaa burqoota nan baasa,lafa onaa iddoo ciisa bishaanii nan godha,lafa gogaa keessaas bishaan nan lolaasa*.
19Gaattiraan, laaftoon,hadheessii fi ejersi,lafa onaa keessatti akka biqilu,lafa duwwaa keessasmukti baalli isaayeroo hundumaa lalisu,birbirsii fi qaraaroonakka dhaabamu nan godha.
24Isin homaattuu hin galtan,hojiin keessanis waa'ee hin baasu;namni isin abdatus ciigga'amaa dha*.[190]
25?Ani biyya gara bitaatiinama tokko nan kaase,innis in dhufa;gara ba'a-biiftuutiis tokko nan waame,innis maqaa koo in waammata;inni warra biyya bulchanakka dhoqqee lafatti in dhidhiita;akka namni suphee dha'umiillaan lafatti dhiitee bukeessuus, isaan in godha;
26nuyi kana akka hubannuufeenyutu duraan durseewanti kun akka ta'u hime?Nuyi, ?Namichi dhuguma jedhe?akka jennuttieenyutu dur waa'ee kanaaraajii dubbate?Lakkii! Isin keessaa namni tokko illeekana hin beekne,namni tokko illee waa'ee kanaafraajii hin dubbanne,waa'ee kanaa namni tokko illeeisin irraa hin dhageenye;
27ana, inni duraan dursee Xiyooniin,?Ilaa, kunoo sabni kee dhufaa jira? jedhe,ana inni Yerusaalemiifisa ergaa nagaa baatu erge;
28gara waaqayyolii tolfamooyommuun ilaalu,isaan keessaa gorsa kan kennutokko illee hin jiru;yommuun isaan gaafadhuskan anaaf deebisu hin jiru.
29Kunoo! Isaan hundumti isaaniiwayyitti hin galan,hojiin isaaniis waa'ee hin baasu,bifni fakkeenyaa isaaniiswanta akkasumaanii ti? jedha*.[191]