Macaafa Isaayaas Raajichaa 42:1-25 GAZB1997 - Bible AI
1Waaqayyo itti fufee, ?Kunoo,garbichi koo inni aniol ol qabu,inni ani fo'adhe,inni ani jaalladhu isa kana!Ani hafuura koo isaaf kenneera,inni firdii qajeelaasaba lafa irraatiif in baasa;
2inni hin iyyu, hin wacu,sagaleen isaas karaa irrattiakka dhaga'amu hin godhu;
3inni jajjaba buruqfame hin cabsu,fo'aa ibsaa isa seequs hin dhaamsu;inni amanamummaadhaanfirdii in kenna.
4Inni firdii qajeelaalafa irratti hamma fiduttiittuma fufa malee,hin dadhabu, abdiis hin kutatu;warri biyya galaana gidduu keessa jiraatanisseera isaa abdiidhaan in eeggatu? jedhe*.[192]
5Waaqayyo gooftaan inni bantiiwwanwaaqaa diriirse,inni biyya lafaa fiwanta isa irratti biqilu uume,inni lafa kana irrattinamootaaf hafuura kenne,warra lafa irra jiraatan hundumaafis jireenya kenne*,
6?Ani Waaqayyoo dha,ani qajeelummaadhaan si waameera,ani harka sin qaba, sin eegas;saba ani kakuu galeefiif,saba lafa irraatiifis ifaakka taatuuf si kenneera*;
7ija warra jaamaa akka bantu,warra hidhaman akka hiiktu,warra dukkana mana hidhaa keessa jiranisakka baaftu sin godha*.[193]
8?Ani Waaqayyoo dha, maqaan koo isa kana;ani ulfina koo kan biraatiif hin kennu,maqaa koo isan ittiin galateeffamuswaaqayyolii tolfamaniif hin dhiisu*.
9Kunoo! Wanti dur dubbatame ta'eera,amma immoo waan haaraaisinitti nan beeksisa,utuu isaan bakkeetti hin ba'inisisinitti nan hima? jedhe*.[194]
13Waaqayyo akka loltuu jabaattigad in ba'a,akka gootaas hinaaffaan isaaisa keessaa in dammaqa;inni dhaadannaa lolaa in dhaadata,sagalee guddaadhaanis in dubbata,aangoo isaas diinota isaatti in argisiisa*.[195]
14Yommus Waaqayyo,?Ani yeroo dheeraan calluma jedhee,gab jedhee, of qabees ture,amma garuu akka dubartii ciniinsfattuutokkichumaan nan aada,nan argana, nan iyyas;
15ani tullootaa fi gaarota nan onsa,biqila achi irra jiruhundumaas nan gogsa;lagoota bishaan keessa yaa'anis gogseeakka biyya galaana gidduu nan godha,burqootas nan gogsa.
16Warra jaamota garuu karaa isaan hin beekne irra,daandii dur irra ba'anii hin beekne irrasisaan nan geessa;dukkana ifatti isaaniif nan diddiira,iddoo jajal'aas wal nan qixxeessaaf;ani kana isaaniif nan godha,deebi'ees isaan hin gatu*;
17warri waaqayyolii tolfamoo amanatanii,?Isin waaqayyolii keenya?isaaniin jedhan,deebi'anii in yeella'u*.[196]
20Wanta baay'ee argitaniittu,garuu isa hin eegdan;gurri keessan banamaa dha,garuu wanta tokko illee hin dhageessan? jedhe*.
21Waaqayyo qajeelummaa isaatiif jedheeseera isaa guddaadhaa fiulfina-qabeessa gochuu in jaallate.
22Sabni kun garuu in saamaman,in booji'amanis;hundumti isaanii qabamaniimana hidhaa keessa in buufaman;yommuu isaan saamamannamni isaan oolchu hin turre,warra booji'eenis, ?Deebisaa!?kan jedhu hin turre.[197]
24Yaaqoobin eenyutu warra isa saamutti dabarsee kenne?Yookiis Israa'elineenyutu warra aatutti dabarsee kenne?Waaqayyo isa nuyi fuula isaa duratticubbuu hojjenne sana mitii ree?Nuyi karaa isaa irra adeemuu hin jaallanne,abboommii isaas hin eegne;
25kanaaf inni dheekkamsa isaaisa akka barbadaa ibiddaanu irratti in dhangalaase,lola cimaas nutti in fide;inni naannessee ibiddanutti in qabsiise,nuyi garuu amma iyyuu isa hin hubanne;inni nu in gube,nuyi garuu kana garaatti hin qabanne*.[198]