Macaafa Isaayaas Raajichaa 43:1-28 GAZB1997 - Bible AI
1Amma garuu yaa Yaaqoob, yaa Israa'el,Waaqayyo inni si uume,inni si tolches,?Ani si fureera hin sodaatin,?Ati kan koo ti? jedhees maqaa keetiin si waameera*;
2yommuu ati bishaan keessa adeemtuani sii wajjinan jira,yommuu ati bishaan keessa ceetusbishaan si fudhatee hin badu;ibidda keessa yommuu darbitu hin gubattu,arrabni ibiddaas si hin qabatu*;
3ani Waaqayyo gooftaan keeisa qulqulluu kan Israa'el,ani fayyisaa kee ti;ani Gibxin furee keetiif,Kuushii fi Saabaas qooda kee nan kenna*;
4ati ana duratti gati-jabeessaa fiulfina-qabeessa waan taateef,waanan si jaalladhuufis qooda lubbuu keetii,saba warra kaan dabarsee nan kenna;
5ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin!Sanyii kee gara ba'a-biiftuutii nan fida,gara lixa-biiftuutiiswalitti siif nan qaba;
6ani biyya gara bitaatiin,?Gad isaan dhiisi!?biyya gara mirgaatiinis,?Isaan hin dhowwatin!? nan jedha;ilmaan koo biyya fagoodhaa,intaloonni koos andaara lafaatii haa dhufan*!
7Warri maqaa kootiin waamaman hundinuu,warri ani ulfina kootiif uummadhe,warri ani tolchee bifa itti godhehaa dhufan!? jedhe*.[199]
9Sabni lafa irraa hundinuuwalitti haa qabaman,sabni garaa garaas wal haa ga'an,kun dhugaa ta'uu isaa akka himanitti,namnis kana dhaga'ee,?Kun dhuguma!? akka jedhutti,isaan keessaa eenyutuwanta amma ta'e kanaduraan dursee hime?Mee nama kana dhugaa isaaniif ba'uas haa dhi'eessan kaa*![200]
10Waaqayyo, ?Yaa saba nana,isin dhuga-baatuu koo ti,garbichi ani fo'adhes isinuma,isin akka beektaniifakka amantanitti,isa kana kan godheana Waaqayyo akka ta'e akka hubattanitti,ana dura Waaqayyo kan biraa hin turre,ana booddees Waaqayyokan biraa hin jiraatu*.
11Ana duwwaatu Waaqayyoo dha,ana malee fayyisaankan biraa hin jiru*.
12Ani duraan dursee himeera,isin oolcheera,isinitti dubbadheeras;waaqayyoliin ormaa garuuisin gidduutti kana hin goone;ani duwwaan Waaqayyo akkan ta'eisin dhuga-baatuu koo ti!? jedhe;Waaqayyo kana dubbateera.
13Waaqayyo itti fufe,?Ani ammas Waaqayyoo dha,gara fuula duraattiskan jiraatu anuma;harka koo keessaa waan tokko illeebaasuu kan danda'u hin jiru,wanta ani hojjedhuskan gara galchu hin jiru? jedhe.[201]
14Waaqayyo inni isin fure,inni qulqulluun kan Israa'el,?Ani isiniif jedheeBaabilonitti nama nan erga;innis hunduma isaanii,warra Kaldootaa iyyuuutuu hin hambisin,booji'ee markaboota isaaniitiin iyyaaakka adeeman in godha*.
15Ani Waaqayyo isa qulqulluu kan keessanii ti,isin warra Israa'elkan uume ana;mootiin keessanis ana? in jedha.
16Waaqayyo inni galaana keessa karaa baase,inni bishaan humna-qabeeyyiikeessatti daandii tolche*,
17inni konkolaataa fi fardeendiinaa gad yaasise,loltuu fi mi'a lolaaachitti baasise sun,jara immoo achii utuu hin ka'inakka dhuman,akka fo'aa ibsaas dimimmisaa'aniiakka dhaaman in godhe*.
18Kanaafis Waaqayyo,?Isa durii hin yaadatinaa,wanta darbettis yaada keessan hin hidhinaa!
19Kunoo! Ani wanta haaraa nan godha,inni amma iyyuu as ba'uutti jira;isin hin argitanii?Ani lafa onaa keessa karaa nan baasa,lafa duwwaa keessas bishaanota nan yaasa;
20ani saba koo warra ani fo'adhe obaasuudhaaf,lafa onaa keessaa bishaan burqisiisee,laga lafa duwwaa keessasbishaan waanan yaaseef,bineensonni caakkaa ulfinaanaaf in kennu,waangonnii fi guchiiwwan na galateeffatu.
21Saba kana ofii kootiif uummachuun koo,akka inni na galateeffatuuf ture*.[202]
22?Haa ta'u iyyuu malee, yaa Yaaqoob,ati ana hin waammanne,yaa Israa'el, ati na yaadachuu iyyuu in dadhabde;
23qalma gubamuanaaf dhi'eessuudhaafxobbaallaa hin fidne,aarsaa keetiinis anaafulfina hin laanne;kennaa midhaanii akka anaaf dhi'eessituufsi hin giddisiifne,ixaanas akka anaaf aarsituufsi hin dadhabsiifne.
24Ati cubbuu keetiin na rakkifte,yakka keetiinis na dadhabsiifte malee,meetii keetiin muka urgooftuuanaaf hin binne,cooma aarsaa keetiinisgaraa ana hin ciibsine*.[203]