Macaafa Isaayaas Raajichaa 45:1-25 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo, inni Qiirosin moosise, ?Qiiros saba lafa irraa harka isaa jala akka galfatuuf, moototas mi'a waraanaa akka hiikkachiisuuf ?Harka isaa mirgaa qabee isa nan gargaara?; balbaloonni biyya garaa garaatti geessan isaaf in banamu, karrawwan mandarootatti galchanis isatti hin cufaman? jedha.

2Qiirosiin immoo, ?Ani si dura adeemee isa ol ka'e hundumaa gad nan deebisa, balbaloota sibiila borrajjii irraa hojjetaman nan caccabsa, danqaraa sibiilaas nan hurreessa;

3ani qabeenya iddoo dukkanaa keessa jiru siif nan kenna, badhaadhummaa iddoo dhokataatti walitti qabames harka kee keessa nan buusa, yommus ati, ani gooftaa akkan ta'e maqaa keetiinis kanan si waame, Waaqayyo isa kan Israa'el ta'uu koo kanaan in beekta;

4yoo ati ana beekuu dhabaatte iyyuu, Yaaqoob garbicha koo fi Israa'el isa ani fo'adheef jedhee, si waamee maqaa ulfinaa siif kenneera.

5Waaqayyo ana duwwaa dha, ana malees Waaqayyo kan biraa hin jiru; yoo ati ana beekuu dhabaatte iyyuu ani immoo si hidhachiisee sin jabeessa*.

6Kanaanis ba'a-biiftuutii hamma lixa-biiftuutti, ani kophaa koo Waaqayyo akkan ta'e, ana malees Waaqayyo kan biraa akka hin jirre namoonni in beeku.

7Ani ifa, dukkanas nan uuma; nagaa nan buusa, gooliis nan kaasa; ani Waaqayyo kana hundumaa nan hojjedha*.[211]

8?Bantiiwwan waaqaa haa banaman, duumessoonni qajeelummaa gad haa roobsan, lafti banamee fayyina haa biqilchu, qajeelummaanis isaa wajjin biqilee haa guddatu! Ani Waaqayyo kana hundumaa nan godha? jedha*.[212]

9Nama uumaa isaa qoccoluuf wayyoo! Inni akka suphee harka nama qodaa suphee dha'uu keessa jiruu ti; supheen dhooftuu isaatiin, ?Ati maal hojjetta?? jechuu danda'aa ree? Wanti inni dha'es, ?Ati harka hin toltu? ittiin jechuu danda'aa ree*?

10Mucaan abbaa isaatiin, ?Ati nama attamii na dhalchuuf? jetta? Haadha isaatiinis, ?Ati nama attamii na da'uuf jetta?? jechuu danda'aa ree?

11Waaqayyo inni qulqulluun kan Israa'el inni isa uume, ?Waa'ee wanta ta'uuf jiruu na gaafadhaa! Waa'ee ilmaan kootii warra ani uummadhee garuu, anumatti dhiisaa!

12Ani lafa uumeen, namootas isa irratti uume; bantiiwwan waaqaa anatu harka kootiin diriirse, macca isaanii hundumaas anatu abboome*;

13ani qajeelummaadhaan Qiirosin kaaseera, karaa isaa hundumaas isaaf qajeelcheera; inni mandara koo in ijaarsisa, warra na duraa booji'amanis gad in dhiisisa; kana yeroo godhus gatii yookiis badhaasa fudhata miti? jedhe; Waaqayyo gooftaan maccaa kana dubbateera*.[213]

14Waaqayyo, ?Wanti warrii Gibxii hojjetanii argatan, bu'aan nagada warra Kuushis siif in ta'u, warri Saabaa warri dhedheeroonis gara kee dhufanii, kan kee in ta'u, of kennanii si duukaa in bu'u; siif qoomma'aniis ?Waaqayyo dhugumaan sii wajjin jira, isa malees Waaqayyo kan biraa hin jiru? in jedhu? jedhe*.

15Yaa Waaqayyo, fayyisaa Israa'el, ati dhugumaan Waaqayyo isa dhokataa dha*;

16warri waaqayyolii tolfamoo tolfatan hundinuu, in yeellaasifamu, in salphatus; walii wajjinis in salphifamu*;

17Waaqayyo garuu fayyina bara baraatiin Israa'elin in fayyisa, yaa Israa'el, ati bara baraan hin yeellaasifamtu, hin salphattus.[214]

18Waaqayyo inni bantiiwwan waaqaa uume, inni Waaqayyoo dha; inni lafa bifa itti godhee, tolchee jabeessee yommuu dhaabe akka irra jiraataniif malee, bifa hin qabnee fi onaa akka ta'uuf hin uumne; inni, ?Ani Waaqayyoo dha, ana malee kan biraa hin jiru*.

19Ani lafa irratti, iddoo dukkanaatti dhoksaatti hin dubbanne, ani sanyii Yaaqoobiin, akkasumaan ?Na barbaadi!? hin jenne; wanti ani Waaqayyo dubbadhu dhugaa dha, wanti ani himus qajeelaa dha*.[215]

20?Warri fakkeenya waaqayyolii muka irraa hojjetaman baatanii yaa'an, warri waaqayyolii nama fayyisuu hin dandeenyetti sagadanis beekumsa hin qaban; isin warri saba garaa garaa keessaa badiisa ooltan, walitti qabamaatii kottaa, as dhi'aadhaas!

21Walitti himaa, walii wajjinis mari'adhaatii dhimma keessan dhi'eeffadhaa! Kana eenyutu beeksise? Duraan dursees eenyutu raajii dubbate? Ana Waaqayyotu kana godhe mitii ree? Ana malee Waaqayyo kan biraa hin jiru, Waaqayyo inni qajeelaanii fi inni fayyisaan ana malee hin jiru*.

22Isin warri andaara lafaa jiraattan hundinuu, gara kootti deebi'aatii fayyina argadhaa! Ani Waaqayyoo dha, ana malees kan biraa hin jiru;

23jilbi hundinuu anaaf akka jilbeenfatu, arrabni hundinuu anaan akka kakatu, wanti qajeelaan afaan koo keessaa ba'es akka hin deebine, ani maqaa ofii kootiin kakadheera*.

24Namoonni, ?Qajeelinnii fi jabinni Waaqayyoo duwwaa bira jira? jechaa gara koo in dhufu; warri anaan morman garuu in yeellaasifamu;

25sanyiin Israa'el hundinuu humna kootiin in mo'u, ana Waaqayyo isaaniitiin ulfina in argatu? jedhe.[216]

ter>