Macaafa Isaayaas Raajichaa 46:1-13 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyolii tolfamoonni warra Baabilon, ?Beel? inni jedhamu in qoomma'a, ?Neboon? inni jedhamu immoo in gugguufa; isaan horii fe'umsaa fi horii qe'ee warra kaanitti in fe'aman; horii itti fe'aman sanas in dadhabsiisan.

2Waaqayyolii tolfamoonni sun in gugguufu, walii wajjinis in qoomma'u, fakkeenya isaanii isa baatamu sana oolchuu hin danda'an, ofii isaaniitii iyyuu booji'amanii in adeemu*.

3Waaqayyo, ?Isin yaa mana Yaaqoob, sanyii Israa'el keessaa warri haftan na dhaggeeffadhaa! Garaa haadha keessanii keessatti anatu isin eege, dhalachuu keessanii jalqabees anatu isin baate;

4yommuu isin dulloomtanii harrii baaftanis anumatu isin baata, dur anatu hojjete, anatu baates, ammas anatu baata, anatu fayyisas*.[217]

5?Eenyutti na fakkeessitu, eenyuu wajjinis wal nu qixxeessitu? Yookiis eenyuu wajjin wal fakkaannaa?

6Namoonni warri warqee korojoo isaanii keessaa baasanii, meetiis madaalii irra kaa'an, nama warqee tumu itti qacaratanii, Waaqayyo tolfamaa in hojjechiifatu, jilbeenfataniis isatti in sagadu;

7ol fuudhanii gatiittii irratti isa in baatu, geessaniis iddoo isaaf qophaa'e in kaa'u; inni achuma ijaajja malee, iddoo isaatii hin socho'u; rakkina keessattis tokko illee nama gargaaruu hin danda'u; namni yommuu isatti iyyatu, isa biraa deebii tokko illee hin argatu*.[218]

8?Isin warra irra-daddarbituu nana, kana yaadadhaa, garaattis qabadhaa*!

9Wanta dur ture yaadadhaa; ani Waaqayyoo dha, ana malee Waaqayyo kan biraa hin jiru, kan akka kootiis hin jiru*;

10ani wanta booddee dhufuuf jiru duraan dursee himeera, durii durii jalqabees wanta amma iyyuu hin ta'in jiru dubbadheera; akeeki koo dhaabataa in ta'a, wantan yaades nan raawwadha.

11Joobira biyya ba'a-biiftuutii, nama akeeka koo fiixaan baasus biyya fagoodhaa nan waama; wantan dubbadhe iddoodhaan nan ga'a, akeeka koos nan raawwadha*.

12Isin warri mata-jabeeyyiin, warri qajeelummaattii fagaattan, na dhaggeeffadhaa!

13Ani qajeelummaa koo isinitti nan dhi'eessa, innis fagoo hin jiru; fayyisuun koos hin turu; ani Xiyooniif fayyina, Israa'eliifis ulfina nan kenna.[219]

ter>