6Ani saba kootti nan aare,kanaafan warra dhuunfaa koo ta'anakka waan xuraa'aatti,harka keetti dabarsee kenne;ati immoo warra dullooman irra iyyuuwaanjoo ulfaataa in keesse,isaaniifis garaa hin laafne*;
7ati illee, ?Ani bara baraan giiftii ta'een jiraadha?jettee yaadde malee,kun booddee attam akka ta'uitti hin yaadne;waan tokkos yaadatti hin qabanne*.[221]
8?Yaa ishee qanani'uu jaallattuu!Yaa ishee bir'aa malee teessuu,egaa dhaga'i!Ati illee garaa kee keessatti,?Ana malee namni biraa hin jiru,haadha hiyyeessaa ta'uun ana irra hin jiru,ijoollee koo dhabuunis ana irra hin jiru? in jetta;
9wanti kun lamaan garuudingata guyyaa tokkottisitti in dhufu,ijoollee kee dhabuun kee fihaadha hiyyeessaa ta'uun kee hin hafu,isaan kun hundinuuwal ga'anii sitti in dhufu;warra qoricha namatti godhanbaay'ee yoo qabaatte iyyuu,warri nama dawweessan danuunachi yoo jiraatan iyyuu,homaa si hin gargaaran*.[222]
10?Ati jal'ina kee amanattee?Namni na argu hin jiru? jette;ogummaan kee fi beekumsi keekaraa irraa si kaachise;ati garaa kee keessatti,?Ana malee namni biraahin jiru? jette*.
11Kanaafis wanti hamaan sitti in dhufa,ati garuu lafa inni ba'u hin beektu;badiisi sitti in dhufa,ati garuu of irraa deebisuu hin dandeessu;diigamuunis dingata sitti in dhufa,ati garuu akka inni dhufu hin beektu.
14?Kunoo! Isaan akka cidii ti,ibiddi xaph isaan in godha;isaan humna ibidda sanaajalaa of oolchu hin danda'an;inni barbadaa ibiddaa isa qaammatanyookiis isa bira taa'aniihaasa'an miti;
15nagaadonni kee warri ati mucummaa keetii jalqabdeewajjin dhama'aa turte hammasuma;tokkon tokkon isaanii kara karaa in badan,tokko illee si gargaaruu hin dandeenye? jedha*.[224]