Macaafa Isaayaas Raajichaa 48:1-22 GAZB1997 - Bible AI

1Yaa ijoollee Yaaqoob warri Israa'el jedhamtan, warri gosa Yihudaa keessaa dhalattan, isin warri maqaa Waaqayyootiin kakattan, dhugaadhaa fi qajeelummaadhaan utuu hin ta'inis, Waaqayyo isa kan Israa'el kan waammattan, kana dhaga'aa!

2Kana keessaa immoo, ?Nuyi warra mandara ishee qulqullooftuu keessa jiraannu, Waaqayyo isa kan Israa'el Waaqayyo gooftaa maccaa amanatuu dha? ofiin in jettu*.[225]

3Waaqayyo, ?Wanta dur ta'e iyyuu ani duraan dursee himeen ture, afaan kootiinis dubbadhee mul'iseera, wanti ani hojjedhes battalumatti in raawwatame*;

4mata-jabeessa ta'uu kee, morgaan morma keetii akka sibiilaa, addi kees akka sibiila borrajjii ta'uu isaa ani beeka*.

5Kanaafan, ?Isa kana waaqayyolii tolfamoo kootu hojjete, bifa fakkeenyaa ani qirixee fi baqsee dhaabadhetu kana abboome? akka ati hin jennetti, ani duraan dursee sitti himeera.[226]

6?Egaa kana hundumaa dur dhageesseetta, ammas arguutti jirta; ati kana dhugaa hin baatuu ree? Amma immoo wanta haaraa sin dhageessisa, wanta dhokataa ati hin beeknes sittan mul'isa*;

7wanti kun amma uumaman malee dur hin turre; ?Kunoo! Ani kana hundumaa beeka? akka ati hin jennetti, kun isa ati dur dhageessee beektu miti;

8ati dur kana hin dhageenye, hin beeknes; duruma iyyuu gurri kee hin banamne; anoo akka ati hin amanamne beekeera, yeroo garaa haadha keetii keessaa baatee jalqabdee irra-daddarbituu fi didduu ta'uun kee beekameera*.[227]

9?Ani garuu maqaa kootiif jedhee dheekkamsa koo nan deebisa, galata kootiif jedhees si balleessuu nan dhiisa.

10Kunoo! Akka meetiitti yoo ta'uu dhabaatte iyyuu, si qulleessuudhaaf rakkina isa akka ibiddaatiin ani si qoreera*;

11ani ofuma kootiif, ofuma kootiif jedhee kana nan godha; maaliifan maqaan koo akka balleeffamu godha? Attamittanis ulfina koo kan biraatiif kenna ree*?[228]

12?Yaa Yaaqoob, isa ani ?Israa'el? jedhee moggaasee na dhaggeeffadhu! Ani dhuguma, isa duraa ti, ani dhuguma, isa booddee tis*;

13ani dhuguma harka kootiin hundee lafaa jabeessee dhaabeera, harka koo mirgaatiin bantiiwwan waaqaa diriirseera; abboommii kootiinis isaan iddoo isaaniitti jabaatanii in dhaabatan*.[229]

14?Yaa namoota nana, hundumti keessan walitti qabamaatii dhaggeeffadhaa! Namichi ani Waaqayyo jaalladhu sun wanta ani jaalladhu Baabilon irratti raawwachuuf akka jiru, anis irree koo Kaldoota irratti ol fudhachuuf akkan jiru, waaqayyolii tolfamoo keessaa eenyutu duraan dursee hime?

15Anumatu dubbate, anumatu isa waames; ani isa nan fida, karaan isaas in qajeelaaf*;

16as dhi'aadhaatii kana dhaggeeffadhaa! Ani kana jalqabaa jalqabee mul'inatti dubbadheera, wanti ani dubbadhes akka raawwatamu godheera? jedhe; egaa Waaqayyo gooftaan hafuura isaatiin na ergeera*.[230]

17Waaqayyo inni si furu, inni qulqulluun kan Israa'el, ?Ani Waaqayyo gooftaan kee isa wanta waa'ee siif baasu si barsiisuu fi isa karaa ati adeemtu irratti si geggeessuu dha.

18Eyyee! Ati seerrata koo utuu eegdeetta ta'e, silaa nagaan kee akka laga bishaanii in yaa'a, qajeelummaan kees akka guuboo galaanaa ol in ka'a ture*;

19sanyiin kee akka cirrachaa, ijoolleen kees akka biyyoo lafaa in baay'atu; maqaan isaanii lafa irraa hin haxaa'amu, fuula koo duraas hin balleeffamu? jedhe*.[231]

20Biyya Baabilonii ba'aa, warra Kaldootaa jalaa baqadhaa! ?Waaqayyo garbicha isaa Yaaqoobin in fure? jedhaatii himaa! Sagalee gammachuu dhageessisaatii hamma andaara lafaatti beeksisaa*!

21Yommuu inni lafa duwwaa keessa isaan geggeesse, isaan hin dheebonne; inni kattaa keessaa bishaan isaaniif in yaase, inni kattaa gurguddaa dhoosee, bishaan isaan keessaa in futtaafachiise*.

22Haa ta'u iyyuu malee, ?Warri jal'oonni nagaa hin qaban? jedha Waaqayyo*.[232]

ter>