7Waaqayyo inni Israa'elin furu,inni qulqulluun kan Israa'el,nama baay'ee tuffatameen,isa sabni lafa irraa jibbaniin,isa warra biyya mo'aniifgarbicha ta'een,?Mootonni kana arganii in ka'u,angafoonnisfedha Waaqayyo isa amanamaajalatti in gugguufu;qulqulluu Israa'elisa si fo'ate jalattis in kufu? jedhe*.[234]
8Ammas Waaqayyo,?Yeroo ana birattijaallatamee fudhatamettisiif nan deebisa,guyyaa fayyinaattis sin gargaara;ani sin eega, karaa ani saba hundumaa wajjinkakuu galus sin godhadha;ati biyyicha deebiftee akka ijaartu,dhaala isa gad dhiifamee turesdeebiftee akka hirtuuf*,
9warra hidhamaniin, ?Hiikamaa!?warra dukkana keessa jiraniinis,?Ifatti ba'aa!? akka jettu nan godha;isaan akka hoolota karaa irratti nyaata,iddoo ol ka'aa isa qoqoree ture irrattisdheedumsa argatanii in ta'u;
10ani Waaqayyo isaaniif kanan oo'uisaan nan geggeessa;gara burqaa bishaaniittis isaan nan geessa;isaan hin beela'an, hin dheebotanis,saafaan akka ibiddaa boba'uu fiho'i aduu isaan hin miidhu*;
11ani tulloota koo hundumaa irradaandii nan baasa,karaa koos isaaniif wal nan qixxeessa*;
14Xiyoon garuu,?Waaqayyo na gateera,gooftaan koo na irraanfateera? in jette.
15Waaqayyo immoo, ?Haati mucaa isheeisa harma hodhuirraanfachuu in dandeessii?Mucaa ishee isa ofii deesseef hin ootuu ree?Utuma isheen isa irraanfatte iyyuu,ani matumaa si hin irraanfadhu*!
16Kunoo! Ani bar'uu harka koo irratti si caaffadheera,kellaan kee inni dhagaadhaan ijaarameyeroo hundaa fuula koo dura jira.
17Warri si diiganii si balleessandafanii si keessaa in ba'u;ijoolleen kee warri si ijaaran immooariitiidhaan gara keetti in deebi'u;
18ol jedhiitii naannoo kee ilaali!Ijoolleen kee hundinuuwalitti qabamaniigara kee in dhufu;dhugaa ana Waaqayyo isa jiraataa ti!?Ati hunduma isaaniiakka mi'a miidhaginaatti in naqatta,akka misirroosijoollee keetiin in miidhagfamta? jedhe*.[237]
19?Ati isheen durballeeffamtee ontee,namni si keessaa badee ture,amma immoo warra si keessa jiraatanitti in dhiphatta,warri si balleessanis sittii in fagaatu.
20Ati isheen ijoolleen keesi duraa fudhatamanii turan,amma immoo ijoolleen kee baay'atanii,?Iddoon kun nutti xinnaateeralafa nuuf dabali!?utuu siin jedhanii in dhageessa*;
21ati immoo yommus garaa keetti,?Anoo ijoollee koo nan dhabe, ergasiis hin deenye,isaan kana eenyutu anaaf da'e?Anoo booji'ameen tuffatameebiyya ormaa ture,isaan kana eenyutu anaaf guddise ree?Kunoo! Anoo kophaan koo ture,isaan kun eessaa ba'an ree?? in jetta? jedhe*.[238]
22Waaqayyo gooftaan,?Kunoo! Ani saba biyya lafaa irra jiranharkaan nan hawwadha,sabaafis faajjii ol nan fuudha;isaan immoo ilmaan kee kaasuutti,intaloota keesgatiittii isaaniitti baatanii in fidu*;
23mootonni guddisee ijoollee kee in ta'u,dubartoonni warra moototaasijoollee kee siif in hoosisu;isaan hamma lafa ga'anittisiif in qoomma'u,miilla kee irraas awwaara in araabu;yommus ani Waaqayyo akkan ta'e,warri ana amanatanisakka hin yeellaasifamneati in beekta? jedhe*.
25Waaqayyo immoo deebisee,?Eyyee wanti namni jabaan saame iyyuuirraa in fudhatama,warri inni humna-qabeessi hidhatesisa jalaa in baafama,ani warra siin mormaniin nan morma,ijoollee kees nan oolcha*;
26warri si cunqursan immoofoon oofii isaanii akka nyaatan,dhiiga ofii isaaniisakka daadhii wayniitti dhuganiiakka machaa'an nan godha;yommus ani Waaqayyoinni aango-qabeessi kan Yaaqoobisa si fayyisuu fi isa si furuakkan ta'e,namoonni hundinuu in beeku? jedhe*.[240]