Macaafa Isaayaas Raajichaa 5:1-30 GAZB1997 - Bible AI
1Ani amma michuu koo isa jaallatamaadhaafwaa'ee iddoo dhaabaa waynii isaatii weedduu nan weeddisa;michuun koo gaara coomaa irraaiddoo dhaabaa waynii tokko qaba ture*;
2inni lafa isaa soqee, dhagaa keessaa funaanee,sanyii waynii isa gaariiachi keessa in dhaabe;riqaas keessatti in tolche;iddoo ija waynii itti cuunfaniskeessatti in ijaare;ija waynii isa miyaa'aaakka godhatus in abdate,waynichi garuu ija hadhaa'aa in godhate.[24]
5?Amma ani iddoo dhaabaa waynii koomaal akkan godhu isinitti nan hima;dalasaa isaa irraa nan diiga,innis iddoo horiin dheeddu in ta'a,horiin kotteedhaan akka isa balleessituttikellaa dhagaa isaas nan diiga;
6maasii gad dhiifame isa nan godha,dameen isaa irraa hin qeexxa'amu,jalas hin soqamu;kosorruu fi qoraattiin achi keessatti in biqilu,bokkaan akka itti hin roobneefisduumessa nan abbooma? jedha.
23Isaan gabbarsuu fudhataniiisa yakkeef in faradu,isa qajeelaatti immoofirdii in jal'isu*;
24kanaafis akkuma arrabni ibiddaa qarmii gubu,akkuma ibiddi furalafa irraa haxxaa'u,akkasuma hundeen isaanii in tortora,daraaraan isaaniis akka awwaaraattiol in ka'a;isaanoo gorsa Waaqayyo gooftaa maccaa dhiisaniiru,dubbii isa kan qulqulluu Israa'elis tuffataniiru.[29]
25Kanaafis dheekkamsi Waaqayyoosaba isaa irratti in boba'a,inni harka isaa ol fudhateeisaan in rukuta;tulloonnis in socho'u;reeffi isaanii akka kosiikaraa keessa in tuulamu;kana hundumaa keessaa inni dheekkamsa isaaamma iyyuu isaan irraa hin deebifne,harki isaas akka olitti fuudhametti jira*;
26inni saba biyya fagootiiffaajjii ol in fuudha,daarii lafaatiis siiquudhaanisaan in waama;isaanis kunoo, dafanii in dhufu*;
27isaan keessaa tokko illeekan dadhabuu fi kan gatantaru,kan muguu fi kan rafu hin jiru;teephi mudhii isaanii hin laafu,hidhaan kophee isaaniis hin citu;
28xiyyi isaanii qara qaba,iddaan isaaniis dhifamaa dha;kotteen fardeen isaaniiakka dhagaa qara qabuu ti,geengoon konkolaataa isaaniisakka bubbee in fiiga;
29akka leencaa fi akka ilmoolee leencaa,aadanii isaanitti in gururi'u;itti gururi'anii qabataniifudhatanii in adeemu;harka isaanii keessaaskan isaan baasu tokko illee hin jiru;
30gaafas akka galaanaa isaanitti in huursu,namni biyyicha keessa yoo ilaale,kunoo, dukkanaa fi rakkina in arga;duumessi isaas ifa in haguuga*.[30]