Macaafa Isaayaas Raajichaa 50:1-11 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo, ?Caaffanni ani ittiin haadha keessan gad dhiise meerree? Yookiis eenyutu gatii ana irraa qabaa iyyuun itti isin gurguradhe? Kunoo! Isin yakka keessaniif gurguramtan, haati keessanis irra-daddarbaa keessaniif gad dhiifamte*;

2yommuun dhufe maaliif namni tokko illee achii dhibe? Yommuun waames maaliifan deebii dhabe? Irreen koo dhugumaan gabaabbatee isin furuu dadhabee? Yookiis humnan ittiin isin fayyisuun dhabee? Kunoo! Ifannaan koo galaana in gogsa, lagoota bishaanii gogsee lafa duwwaatti in deebisa; qurxummoonni isaanii bishaan dhabanii dheebuudhaan in dhumu, in ajaa'us*.

3Ani waaqa nan dukkanneessa, uffata gaddaa waan uffates isa nan fakkeessa? jedhe.[241]

4Ani warra dadhabanitti dubbadhee akkan isaan jajjabeessuuf, Waaqayyo gooftaan dubbii barbaachisu dubbachuu na barsiise; ganama ganama na dammaqsa, akka warra isa irraa baraniis isa inni jedhu akkan dhaggeeffadhuuf gurra koo anaaf in bana;

5Waaqayyo gooftaan gurra koo in bane, anis isaaf abboomamuu hin dinne, isa irraas gara hin galle*;

6ani dugda koo warra na rukutanitti, maddii koos warra areeda koo ana irraa buqqisanitti nan qabe; fuula koo warra anatti tufanii fi warra anatti ga'isan jalaa hin dhoksine*;

7Waaqayyo gooftaan waan na gargaaruuf ani hin yeella'u; ani akkan hin yeellaane beeka, kanaafan ija jabaadhe*.

8Inni dhugaa anaaf baasu dhi'aateera'o, eenyu anatti falmuu danda'a ree? Kottaa walii wajjin in dhi'aannaa! Abbaan na hadheessuu barbaadu mee as haa dhi'aatu!

9Kunoo! Waaqayyo gooftaan ana in gargaara'o, eenyutu anatti farada ree? Kunoo! Biliin isaan in nyaatti, hundumti isaaniis akka uffataa in dhumu*.[242]

10Isin keessaa eenyutu dukkana keessa, iddoo ifa hin qabne keessas deddeebi'aa utuu jiruu, sagalee garbicha isaa dhaga'ee Waaqayyoon sodaata? Namni akkasii Waaqayyoon haa abdatu, isattis haa hirkatu!

11Kunoo! Isin warri ibidda qabsiiftan hundinuu, warri guca boba'aa adeemu ofitti naannessitanis, ifa ibidda qabsiiftanii, qaanqee guca bobeessitanii keessas deddeebi'aa! Booddee garuu isin iddoo rakkinaa keessa bu'uuf jirtu; kunis harka koo keessaa isinitti in dhufa.

ter>