Macaafa Isaayaas Raajichaa 51:1-23 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo namoota Xiyooniin, ?Isin warri qajeelummaa duukaa buutan, warri ana Waaqayyoon barbaaddattan na dhaggeeffadhaa! Kattaa isa irraa argamtan, boolla bishaanii isa keessaa ol baafamtanis ilaalaa!

2Gara abbaa keessan gara Abrahaam, gara Saaraa ishee isin deessees ilaalaa! Ani yommuun isa waame, inni dhala hin qabu ture, ani garuu isa eebbisee nan baay'ise*;

3ani Waaqayyo Xiyoonin nan jajjabeessa, wanta ishee duraa diigame hundumaaf nan oo'a; lafa onaa ishee akka iddoo dhaabaa Eden, lafa duwwaa ishees akka iddoo dhaabaa kootii nan godha; gammachuu fi ililleen achi keessatti in argamu, galannii fi sagaleen faarfannaa achi keessaa in dhaga'amu*.[243]

4?Yaa namoota ko na dhaga'aa, yaa saba ko na dhaggeeffadhu! Seerri ana biraa in ba'a, firdiin koo inni qajeelaanis sabaaf ifa in ta'a;

5qajeelinni koo dhi'aateera, fayyisuun koos as ba'aa jira, sabni baay'een irree kootiin firdii qajeelaa in argatu, warri biyya galaana gidduu keessa jiraatanis ana in abdatu*.

6Ol jedhaatii gara bantiiwwan waaqaa ilaalaa, gad jedhaatii lafas ilaalaa! Bantiiwwan waaqaa akka aaraatti bittimmaa'anii in badu; laftis akka uffataa tatarsaatee in dhumti, warri ishee irra jiraatanis akka titiisaa in dhumu; fayyisuun koo garuu bara baraan in jiraata, qajeelummaan koos raawwatee gargar hin citu*.[244]

7?Isin warri qajeelummaa beektan na dhaga'aa, isin warri seera koo yaadatti qabattanis na dhaggeeffadhaa! Ga'isuu namootaa hin sodaatinaa, yommuu isaan isinitti qoosanis hin na'inaa*!

8Isaan akka uffata biliin nyaatetti, akka gogaa ololeen nyaatettis nyaatamanii in dhumu; qajeelummaan koo garuu bara baraan in jiraata, fayyisuun koos dhalootaa hamma dhalootaatti in tura? jedha.[245]

9Yaa irree Waaqayyoo ka'i! Humna keetiin ka'i! Akka bara duriitti, akka bara dhaloota durii duriittis ka'i! Si mitii Rahaab jawwee galaanaa sana kukkutee, jawwicha isa guddicha kan waraane*?

10Warri furaman isa keessa akka darbanitti, inni galaana bishaan callabboo gogsee tuujjuba keessa karaa baase si mitii*?

11Warri Waaqayyo isaan fure deebi'anii, faarfannaadhaan gara Xiyoonitti ol in ba'u; gammadanii in ililchu, gammachuu bara baraatiin in gonfamu, gaddii fi dhiphinni isaan irraa in fagaata*.[246]

12Waaqayyo isaaniin, ?Anuma, anuma inni isin jajjabeessu! Isin garuu nama bor du'u, ilmaan namootaa warra akka margaa darbuuf jiran maaliif sodaattu*?

13Ana Waaqayyoon isa isin uume, isa bantiiwwan waaqaa diriirsee hundee lafaa jabeessee dhaabe irraanfattanii, maaliif guyyaa hundumaa dheekkamsa warra isin cunqursanii, warra isin balleessuudhaaf qophaa'anii taa'anii, sodaachaa jiraattu? Egaa dheekkamsi warra isin cunqursuu meerree ree*?

14Inni hidhaa keessa jiru, mana hidhaa keessatti akka hin duunetti, buddeena nyaatus akka hin dhabnetti, dafee in hiikama.

15Ani Waaqayyo gooftaan keessan, galaana nan sochoosa, dha'aan isaas akka huursu nan godha; ani inni kana godhu, maqaan koo Waaqayyo gooftaa maccaa ti*.

16Ani bantiiwwan waaqaa diriirsee, hundee lafaas jabeessee nan dhaabe; Xiyooniin, ?Ati kan koo ti, dubbii koo afaan kee keessa nan kaa'a, gaaddisa harka kootiinis sin golbooba? nan jedha? jedhe.[247]

17Ka'i, yaa Yerusaalem, ati dheekkamsa Waaqayyo sitti fidde, xoofoo dheekkamsa Waaqayyoo keessaa dhugdeetta; siicoo isaa isa mataa nama naannessus xuruurfatteetta; kanaafis amma ka'ii dhaabadhu*!

18Ilmaan ishee warra isheen deesse hundumaa keessaa tokko illee karaa kan ishee argisiise hin jiru; warra isheen guddifte hundumaa keessaas tokko illee kan harka ishee qabe hin jiru;

19wanti kun lamaan yommuu si irra ga'an eenyutu si dubbise ree? diigamuun, badiisi, beellii fi billaan yommuu sitti dhufan karaa eenyuun si jajjabeessa ree?

20Dheekkamsii fi ifanni Waaqayyo gooftaa keetii isaan irra waan ga'eef, ilmaan kee akka borofa kiyyoodhaan qabamee dadhabanii karaa hundumaa irra in cicciisu*.[248]

21Ati isheen daadhii wayniitiin utuu hin ta'in dhiphinaan machoofte, kanatti fufee kan jiru dhaga'i!

22Gooftaan kee inni Waaqayyo siif ta'e, si saba isaa gargaaree, ?Kunoo! Ani xoofoo dhugaatii isa mataa nama naannessu harka kee keessaa nan fuudha, deebitees akka ati isa hin dhugne nan godha;

23isas harka warra si dhiphisanii fi warra si cunqursanii keessa nan kaa'a, warra ?Gad jedhi, nuyi si irra adeemnaa? jennaan, ati immoo akka lafaatti akka karaa namni irra yaa'uttis dugda kee irra akka adeeman goote sanatti nan kenna? in jedha*.[249]

ter>