Macaafa Isaayaas Raajichaa 52:1-15 GAZB1997 - Bible AI

1Dammaqi yaa Xiyoon, humna godhadhuutii ka'i! Yaa Yerusaalem mandara qulqulluu nana, ka'ii uffata miidhaginaa keetii uffadhu! Si'achi warri dhagna hin qabatin, warri xuraa'onnis matumaa si keessa hin lixan*.

2Yaa intala Xiyoon ishee booji'amtee, hidhaan morma kee irraa hiikameera! Yaa Yerusaalem, awwaara of irraa hurgufii, ka'ii taa'i![250]

3Waaqayyo saba isaatiin, ?Isin gatii malee gurguramtanii turtan, ammas horii utuu hin baasin in furamtu? jedhe*.

4Waaqayyo gooftaan, ?Sabni koo duraan biyya Gibxii taa'uudhaaf achi gad bu'e, ergasii immoo warri Asor sababii malee isaan in cunqursan*;

5sabni koo wanta tokko iyyuu utuu hin argatin erga fudhatamee, amma immoo asii maalan qaba ree? Warri isaan mo'an isaan in boossisu, yeroo hundaas maqaan koo in arrabsama*;

6si'achi garuu sabni koo ani Waaqayyo akkan ta'e in hubata, yommus ani isa, ?Kunoo! Asan jira? jedhe akkan ta'e in bara? jedheera.[251]

7Warri nagaa labsanii, fayyina abdachiisanii, ?Waaqayyoon kee mo'eera? jedhanii, Xiyoonitti misraachoo himan, tulluu irraan mul'achuun isaanii maal maal nama gammachiisa*!

8Waaqayyo ulfina isaatiin Xiyoonitti deebi'uu isaa eegdonni kee ija isaaniitiin yeroo arganitti, in gammadu sagalee isaaniis dhageessisanii walii wajjin in faarfatu*.

9Waaqayyo saba isaa jajjabeesseera, Yerusaaleminis waan fureef, yaa ona Yerusaalem, walii wajjin gammadaa ililchaas!

10Biyyi lafaa guutummaatti daariidhaa hamma daariitti fayyisuu Waaqayyo keenyaa in arga; Waaqayyo irree isaa isa qulqulluu saba lafa irraa hundumaa duratti in mul'isa*;

11sokkaa, achii ba'aatii sokkaa! Wanta xuraa'aas harkaan hin qabinaa! Isin warri mi'a Waaqayyoo baattan of qulleessaa, ishee keessaa ba'aatii sokkaa*!

12Waaqayyo inni kan Israa'el isin dura bu'ee waan adeemuuf, isin booddeedhaanis waan isin eeguuf, ariitiidhaan achii hin ba'inaa, baqattaniis hin adeeminaa*![252]

13Waaqayyo, ?Kunoo! Hojiin garbicha kootii wal in qixxaataaf; inni ol in fuudhama, in guddata, baay'ees ol in qabama.

14Haa ta'u iyyuu malee, akkuma namoonni yeroo isa argan na'anii dinqisiifatan, akkasuma danaan garbicha kootii waan badeef, bifni isaas kan ilmaan namootaa fakkaachuu waan dideef,

15sabni baay'een isa in dinqisiifatu, wanta dur hin beekne amma in argu, wanta dur hin dhageenyes amma in hubatu kanaafis mootonni isa duratti afaan in qabatu? jedhe*.[253]

ter>