2Inni akka biqiltuu mukaattigoofticha duratti ol in ba'a,akka hidda mukaaisa lafa gogaakeessaa ba'uus in ta'a;simboodhaa fi surraa waan hin qabneef,nuyi isa ilaaluu hin jaallanne;miidhagummaa waan hin qabneefis nu hin mararre*;
3namoonni isa tuffataniiisa irraa in goran,inni nama dhiphinnii fi muddamniitti baay'ate ture;inni akka nama tuffatanii,achi ilaalanii bira darbanii in ta'e;nuyis homaatti iyyuu isa hin lakkoofne*.[254]
4Inni garuu dhugumaandhiphina keenya of irra in kaa'e,muddama keenyas in baate;nuyi garuu akka waanWaaqayyo dha'icha isatti fidee,akka waan inni isa rukuteegad isa deebisettis in lakkoofne*.
5Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname,sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame;nuyi nagaa akka argannuufinni in adabame,madaa'uu isaatiinis fayyinninuuf in argame*;
6nuyi hundumti keenyaakka hoolotaa karaa irraa badnee turre,adduma addaanis kara karaa in gorre;Waaqayyo garuu yakka hunduma keenyaa isa irra in kaa'e*.[255]
7Isa in cunqursan, in dhiphisanis,inni garuu waan tokko iyyuu hin dubbanne;akkuma ilmoo hoolaaishee qalamuudhaaf geeffamtuutti in oofame,akkuma hoolaanyommuu rifeensa irraa murancal jettuus,inni calluma jedhe malee,afaan isaa hin saaqqanne*.
8Cunqursaadhaan itti faradamee in ajjeefame;hidda dhaloota isaatii eenyutu hima ree?Biyya warra jiraataa keessaa in balleeffame,balleessaa saba kootiitiinhamma du'aatti in adabame;
9inni jal'ina tokko illee hin hojjenne,gowwoomsaanis afaan isaa keessaa hin baane;awwaalli isaa warra jal'ootagidduutti yaadamee ture,inni garuu warra sooressoota gidduutti in awwaalame*.[256]
10Waaqayyo, ?Isa ani dhiphise sana,caccabsuun jaalala koo in ta'e;inni lubbuu isaa aarsaasababii yakkaatiif dhi'aatugodhee yoo dhi'eesse,sanyii isaa arguuf jira;jabanni isaas in dheerataaf;jaalalli koos karaa isaa in raawwatama*;
11dhiphina cimaa dhiphatee erga du'ee booddeedeebi'ee jiraataa ta'eegaraa in ciibsata;garbichi koo inni qajeelaanbeekumsa isaatiin namootabaay'eedhaaf in farada,yakka isaaniis isaaniif in baata*;
12inni cubbuu namoota baay'ee baatee,waa'ee cubbuu isaaniitiifisisaaniif in kadhate;lubbuu isaa du'atti dabarsee kennee,warra balleessaa qabanii wajjiniswaan lakkaa'ameef,ani qooda isaa warra gurguddootaawajjin nan godhaaf,warra jajjaboo wajjinisboojuu in hirmaata? jedhe*.[257]